#Qalbii_Diddiirannaa
✝️✝️🛐🛐🛐✝️✝️🛐🛐🛐
👉Qalbii diddiirannaan, cubbuu dhiifnee Waaqayyotti deebi‘uuf, murtii yaada garaa geddarachuuf godhamu dha. HoE.2:19 ―himachuu fi irraa deebi‘uu.
🤷Namni qalbii diddiirannaan dhugaa godhatu tokko wantoota sadii raawwata. Isaanis:
1. Cubbutti gaabbuu (conviction), (2Qor.7:10): Itti gaabbudhugaan akka Waaqayyoon yakkine beeknee, itti yeella‘uu dha.Kunis cubbuu hojjennetti, itti ceepha‘amuu of keessaa qaba. Cubbuutti akka ceepha‘amnu kan nu gargaaru Hafuura Qulqulluudha. Namni hojii inni hojjete sirrii akka hin taane otuu hin beekin cubbuu himachuun‘ isa rakkisa. Duraan dursa ofii isaatii yakki inni godhe yakka ta‘ee ittimul‘achuu fi sirrii akka hin taane itti dhaga‘amuutu irra jiraata.
2. cubbuu himachuu (confession) (1 Yoh. 1: 9): Himachuun waa‘ee cubbuu itti gaabbine sanaa, baafnee Waaqayyotti dubbachuu dha. Waaqayyos kan Inni dhala namaa irraa barbaadu isa kana. Akka namni cubbuutti gaabee Isatti himachuudhaan araara gaafaatu barbaada. Waaqayyo nama cubbuu isaa dhokfatutti hin gamadu; namni akkasii Waaqayyobiraa fayyina hin argatu(Fak.28:13).
☑️UUmama 3: 12-13 Addaam himachuu dhiisee Hewaanitti quba qabuun isaa Jannata keessaa isa baase.
☑️ 1Samu‘el 15:13-18; 24-25 saa‘ol cubbuu isaa dhokfachuu yaalee abaaramaa ta‘e.
3. Cubbuu irraa deebi’uu (conversion) (2Xim. 2:19): Karaa cubbuu fi jireenya cubbuu irraa gara Kiristoositti deebi‘uudhaan,karaa jireenyaa haaraa jalqabuun qalbii diddiirannaa keenya dhugaa fi fiixaan bahaa godha. Kana jechuun garuu, deebinee yakkuu hin dandeenyu jechuu miti. Garuu dhugaadhaan Waaqayyoof hojjechuuf akkasumas cubbuu irraa deebi‘uuf barbaaduu keenya kan agarsiisuudha malee.
☑️ Erm 7: 3-7; 26:13 karaa keessan sirreeffadhaa.
☑️ Maat. 3:6-10 Cubbuu himachuun qofaan ga‘aa akka hin taanee fi ija godhachuun akka barbaachisu.