Kabbee Fiqaaduu:
BIRBOO 6419
Tibba kana namoonni danuun dhimma Birboo, jijjiirraa waggaa haaraa Oromoorratti gaaffii kaasaa jiru. Dhimmichi, dhimma dhaloonni beekuu qabudha jedhee waanan yaadeef;
Hanguman hubadhe, waan xiqqoo tokko isiniif qoodeeraa, itti dhihaadhaa!
Akkuma beekamu Addunyaa kanarraa saboonni Dhahaa mataasaanii tolfatanii itti dhimma bahaa jiran, saboota afur hin caalan. Isaanis:-
1. Oromoo(Dhahaa)
2. Maayaa(tzolkin)
3. Hindii (Panchanga)fi
4. Chaayinoota(Yin:Pinyin gongli)
Addunyaan biraan, kanuma warra kanaa wal keessa laaqxee itti dhimma ba'aa asiin baate.
Egaa Dhahaan Oromoo, Biiftuu, Ji'aafi Urjiilee irratti hundaa'uudhaan, Ayyaantuuwwaniin akka dhahamu, Asmaroom Laggasaa Kitaabasaa 'Gadaa: Three Approach to study African society' jedhu keessatti qajeellootti ibseera.
Waan heedduu nama raaju, dhahaan Oromoon waggoota kuma heedduu duraa eegalee itti dhimma bahaa ture kun, qorannoo Astiroonoomii Ammayyaa, kan meeshaalee tekinooloojiitiin dabaalame waliin wal fakkaata. Urjiilee kanneen maqaa Oromoon ittiin waamuufi, maqaa qorattoonni Astiroonoomii ittiin waaman akkasitti tarraa'u.
1. Lamii...Triangulam
2. Busan...Pleiades
3. Bakkalcha...Aldebran
4. Algajima...Bellatrix
5. Arba Gadduu...Central Orion
6. Urjii Wallaa....Saiph
7. Bassa....Sirius
Egaa! Oromoon dhahaa kana beekumsa
Ayyaantuudhaan durfamee, itti dhimma ba'aa ture. Ayyaantonni Dhahaa kana beekan, Dhaha dhooftuu ogguu jedhaman, Urjiilee kanniin ilaaluudhaaf wantoota lagataniifii, Ayyaanota hedatan danuu qabu.
Dhahaan Oromoo kun Ayyaanota 28(ogguu tokko tokko 29-31 ta'a), fi Baatiiwwan 12 qaba. Maqaan Ayyaanotaafi Baatiiwwanii bakkaa bakkatti garaagarummaa xiqqoo qabaatus, jalqabbiin bara haaraa garuu baayyee wal fakkaataadha.
Gara dhimma keenya ijootti yoo dhufnu; tibbi kun Faranjoota biratti jijjiirraa bara haaraa waan ta'eef, dhimmi jijjiirraa bara haaraa Oromoos, dhimma ijoo namoota danuutti gaaffii ta'udha. Sababnisaas gaaffiin 'Ayyaanni Waggaa Haaraa Oromoo yoomi?' jedhu irra deddeebi'ee waan ka'uufi.
Mee #Birboo fi #Conii akka fakkeenyaatti fudhannee haa ilaallu.
1. Birboo
Ofii Birboon maali? Maaliif kabajama?
Jechi Birboo jedhu, Maqaa muka Birbirsaarraa akka dhufe qorattoonni seenaa ragaa ba'u. Ayyaanni kun Birbirsatti kan fakkeeffameef mukni kun jabaa ta'uusaarraati.
Guyyaa ayyaana Birboo barii barraaqaa osoo daaraa hin baafatin Birbirsa yookaan Ejersa kutanii bakka utubaa dhibaayyuutti hirkisan. Akkasumallee qarmammeetti irratti suuqan.
Birbirsi yookan Ejersi muranii bakka dhibaayyutti hirkisan kuni Birbirsa kormoomsaa jedhama.
Innis kan agarsiisu mallattoo jabinaa, nageenyaafi boruu egereen golee Walaabuu(Universe)utubaalewwaniin kaawomfamuudha.
Gaafa ayyaana kanaa qe'een ofii, dallaan looniifi galmoonni wiirtuu amantii hunduu Birbirsaan jifaaramu. Akkasiin miidhaganii bara haaratti ce'an.
"Waaqaan jabaa taanee
Hamaa jalaa baanee
Gaariifi haaraa taanee
Baga Birboon baane" kan jedhamus kanumaaf natti fakkaata.
Egaa Birboo kana Oromoon, seensa ji'a Amajjiirra, erga midhaansaa guutuu alaa galfatee, korma qalee bilatee, dhibaafatee, manaafi galmasaa Birbirsaan jifaaratee Ayyaaneffata.
Birboon kun dur Oromoota Maccaa fi Tuulama biratti dhimma itti ba'amaa ture.
2. Jila Conii(Abraasa)
Jilli Conii kun Oromoo Booranaa biratti jila guddaadha. Yeroonsaas ji'uma Amajjii keessa yoo ta'u, yeroo kana wanti adda godhu; bona keessa biqiltuun tokko biqiluusheeti. Biqiltuun kun Abraasa jedhamti.
Akkuma biqiltuun kun mul'atteen jilli godhamee, manni haaraan ijaaramee, moonaan loonii jijjiiramee, inni qabu Korma qalee, inni hin qabnemmoo buna qalatee;
"Abraasi baatee
Baatu nu hin dhabin!" Jedhanii wal eebbisanii kabajatu. Jilli kun akka seensa waggaa haaraatti beekamas.
Qorattoonni akka Dr L.H Robins fi B.M Lynch bara 1977 Utubaalee dhagaa kan dhahaa danuudhaaf angafu, 'Namuratunga' arganii ajab jedhan. Bakki argama dhagaa dhahaa 'Namuratunga' jedhamu kanaa, quubsuma Oromoo Booranaa, toora Haroo Turkaanaadha. Umuriin utubaalee dhagaa dhahaa (pillars) kanneenii waggoota 2400 tti dhihaata. Dh. K.