D 400_300 gidduutti bu'ureffame. Waan baayyee nama raaju, Yuunivarsitii Harvard dabalatee, Dhaabbileen barnoota Addunyaa argannoo kana mirkaneessanii, raggaasisaniiru.
Namni keenya garuu isa warri adiin oftuulummaadhaaf;
'Gurraachi Addunyaa kanarratti homaa hin kalaqne. Bishaaniin harka dhiqatanii nyaachuullee dabalatee, waan kamuu nurraa qara'e' jettu faana dha'ee qillisiisee, morma dhiiteffatee 'Kalaandarii hin qabnu' jedhee morma.
Egaa Ayyaanota bara haaraa hangana yoo ilaalle; Lakkoofsi bara haaraa Oromoo kan nuun, 6419 jennu kun maalirra madde jennee yoo gaafanne deebiinsaa Hayyoota Argaa dhageettii bira jira.
Fknf Barreessaan Barruu 'Daaniyaa' bara 2006 Hayyoota dubbisee akka barreessetti, Gadaan Melbaa qofti marsaa 80 f Baallii fudhateera jedhama. Kana jechuun 80×8=640 ta'a. Gogeessonni hundumtuu, marsaa 80 Baallii erga fudhatanii, Gadaa Abbaa 5 fi Gadaa Ilmaa 5 walitti idaanee 10 yeroo ta'u, 10×640= 6400 ture jechuudha. Salphumatti Bara 2006 Dhahaan Oromoo 6400 ture, har'a 2025 ammoo Dhahaan Oromoo 6419 ta'a jechuudha.
Asirratti wanti hubatamuu qabu; akka dhahaa Oromootti guyyaan waggaan haaraan jijjiiramu, kan faranjootaa bu'uureffata osoo hin taane, dursuus boodatti hafus mala. Tun Ayyaantoota qaroo, warra sirnicha keessa jiran, warra cagginoo edatanii,laguus lagatanii,Ayyaana edatanii faana ji'aafi urjiilee abuuraniin beekama. Isaantu murteessas.
Xumurarratti Dhimmi Dhahaa Oromoo kun waan qajeellootti qoratamuu qabu ta'us, Hayyoonni maaliif akka usan mooji.
Keessattuu qorattoonni gurguddoon nuun qabnu osoo Ayyaantota faana dha'anii, burjaajjii gamanaan mul'atu jalaa dhaloota baraaranii dansa jechaa, namoota lakkoofsichi baayyee baayyate jedhanii ogguu ololaniif garuu dhaamsan qaba.
Lakkoofsichi hin baayyanne. Isintu Bara lakkoofsaa isa kan ormaa, isa xiqqaa sana lakkooftanii waan bartaniif, inni kun ijatti isin baayyate.
Inquxaaxashi fi 'Gregorean' ceera ormi nutti fe'e madaqnee, Birboo fi Conii tuffannee waan ormeessineef malee, lakkoofsichi hin baayyannen jedha😎
"Gowwaan warra itti bade, warra se'a!" Kan jedhee mammaakemmoo Oromticha mitiiree?
"Abaarsi guddaan waan beettu wallaaliidha!" Jedhan mitiiree Dr Gammachuu Magarsaa?
Waaqni waan beeknu nu hin wallaalchisin jedheen, eebbaan barruukoo goolaba.
Baga Birboon baane!
Kitaabilee Wabii
1. Daaniyaa
2. Gadaa: Three Approaches to Study Of African Society : Asmaroom Laggasaa
3. Barroo Amantii Waaqeffannaa(Hundasaa Waaqwayyaa, Amaaree Baqqalaa, Dirribii Damusee Bokkuu)
4. Gada Melba: Baaroo Biyyansaa akka hiiketti
5. The Borana Calender and how it works : Think Africa
6. The Borana Calendar some Observation: C Ruggles 1987 Journal for History of Astronomy
Wabii Kabbadaa Barkeessaa
Birboo 6419
Adoola,Gujii,Oromiyaa