Dhimma #Taphoota karaa Telegiraamii kana gaaffii namootni heddu na gaafachaa jiran irra dhaabbadhee waan muraasa jechuu barbaada.
#Taphootni karaa Telegiraamii dhufaa jiran biyya keenyatti haaraa tahuusaatiin walqabatee akkasumas rakkoo hawaasummaa fi qaalayiinsa yerootiin walqabatee namootni hedduu galii argachuuf ykn dabalata argachuuf hawwii qabnurraa kaanee yeroo ammaa biiroolee adda addaa dabalatee, iddoo oolmaa dargaggaootaa, mana dhugaatiifi mana jimaatti #Taphootni karaa Telegiraamii kun ajandaa tahuu akkuma itti fufetti jira.
Isaan keessaa kanneen akka #Hamsterkombat, #Tapswap fa'a taphoota namootni hedduu irratti hirmaachaa jiran qofa osoo hin taane Sadarkaa Idil-Addunyaattuu biyyi keenya Google search irratti sadarkaa duraa qabatte waan taheef namootni hedduu faayidaa irraa argachuuf abdiidhaan egaa jiru.
Haatahu malee torbaan kana dhaabbileen maqaa dhoofne kunneen ibsa baasaa jiraniin guyyaa jedhanitti #taphoota kana gara gabaa Kiriphootti makuu akka hin dndeenye agarsiisaniiru. #tapswap yeroo 3 ol beellama dheessera, #hamsterkombat kan torbaan darbe miidiyaaleen biyya keenyaa fa'a dhaadhessaa turan torbaan darbe Hojii eegalla jedhanis gabaatti bahu hin dandeenye. Sababoota adda addaa tarreessaa jiru.
Kanaafuu namootni hedduu miira aarii, mufaatuu, abdii kutachuu fikkf fa'atu irraa muldhata.
Jalqabumarraa wantootni ijoon gorsaa turres kanumaaf, isaan keessaa muraasni:-
- #Taphootni(airdrops) akkanaa jalqabuma akka waan jireenya keenya nuuf jijjiiranitti yaaduun dogoggora. Fkn: #Hamsterkombat yeroo ammaa namoota Mil.200 olitu taphachaa jira. Ummata hanga hedduumatuuf dhaabbatni baajata ramadu yoo hire, gaheen achirraa argannu baay'ee xiqqaa akka tahe tilmaamuu salphaa waan taheef faayidaa jireenya keenya jijjiiru arganna jedhanii yaaduun ulfaataadha.
- Taphoota akkasii yeroo boqonnaa fi waan hojjannu hin qabne itti-bohaaruuf malee faayidaa addaa nuuf argamsiisa jedhanii abdii guutuu qabaachuun dogoggora waan tureef Namootni Hojii idilee isaanii dhiisanii taphachuun hin barbaachisu kan jechaa turreef kanumaaf.
Dhaabbileen gubbatti maqaa dhoofne kun yoomi Hojii eegalanii saantima(coins) walitti qabachaa turre akka gatii qabaatu taasisu isa jechuuf deebiin gahaan hanga ammaatti kenname hin jiru, hin beekamus. sababni isaa taphootni Kiriptookaaransii hundi icciitiidha waan taheef...
Taphootni(Airdrops) walfakkaatoon hedduu oomishamanii as bahutti jiru, Dhaabbileen baay'een gabaa Kiriptookaaransiitti makamuuf taphoota(airdrops) hedduutu oomishamee as bahuutti jira waan taheef kamtu sirriidha, kamtu faayidaa qaba, kamtu irra wayya....jennee gargar baasuunuu rakkisaadha waan ta'eef ofeeggannoo gochuu qabna. Taphootni(Airdrops) hedduutu kanneen mallaqa gaafatan fi hannaaf hojjataman jiru waan taheef ni argannatti balaa biraatiif akka ofi hin saaxille, waan bu'aa nuuf qabneef yeroo keenya akka hin balleessine ofeeggannoo taasisuu qabna.
Maddi abdiisa bancha jaarra