Репост из: ARON OFFICIAL
HoE 2:24 Waaqayyo garuu hidhaa du’aattii hiikee; inni harka du’aa jalatti qabamee
turuu waan hin dandeenyeef, du’aa isa kaase.
Rom 14:9 Gooftaa warra du’aniif warra jiranii ta’uudhaaf, Kiristoos du’ee deebi’ee
jiraate.
HoE 1:11 “Isin namoota Galiilaa, maaliif dhiphattanii waaqa keessa ilaalaa jirtuu? Yesus,
inni isin biraa gara waaqaatti ol fudhatame kun, akkuma amma itti gara
dhaquu isaa argitan kanatti immoo deebi’ee ni dhufa” jedhaniin.
Yesus cubbuu keenyaaf du’uun isaa Waaqayyoon waaqa irratti fudhatama argachuu isaatiif
ragaan jiru maali? Ragaan isaa Yesus Waaqayyoon du’aa kaafamuu isaati. Du’aa
kaafamuudhaan, Yesus du’a akka moo’e mirkaneeffameera (yookiin, karaa jecha gara
biraatiin, duuni isa irratti aangoo umaa hin qabu). Amma, sababa kanaaf, sababa Yesus
jiraatuuf nutis ni jiraanna. Darbees, sababa inni du’aa kaafameef, Inni har’as jiraataadha.
Yoh 5:24 Dhuguma dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga’ee isa ani ergetti kan
amanu jireenya bara baraa qaba; inni du’a keessaa gara jireenyaatti darbe
malee, gara firdii hin dhaqu.
Yoh 10:9 Balbalichi ana, inni anaan ol galu ni fayya;ol ni gala gadis ni ba’a dheedichas
ni argata.
Yoh 14:6 Yesus deebisee, “karichi, dhugaan, jireenyis ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu
iyyuu gara abbaa hin dhufu.”
Yoh 8:24 Cubbuu keessaniin akka duutan isinitti himeera; ani eenyu akkan ta’e
beektanii yoo amanuu dhabaattan cubbuu keessaniin ni duutu” isaaniin jedhe.HoE 4:12 “Fayyinni Yesuus Kiristoos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin
jiru; maqaabn kan biraa ittiin fayyuun kan ta’u, waaqa jelaa ilmaan
namootaatiif kan kenname”
Rom 10:13 “Namni maqaa gooftaa waammatu hundinuu ni oola.”
Rom 10:11 Caaffanni qulqullaa’aan, “Namni isatti amanu hundinuu hin yeel’au” ni jedha.
Rom 2:11 Waaqayyo nama wal hin caalchisu
Rom 3:22 Namni Yesus Kiristoositti amanuudhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ni
ta’a; kana irrattis warra amanan hundumaaf garaa garummaan hin jiru.
Rom 10:9 “Yesus gooftaa akka ta’e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du’aa akka
isa kaasemmii garaa keetti amante fayyina bara baraa ni argatta”
Cubbuun keenya akkamiin fuudhamee jireenya haaraawa kana arganna? Akka Gooftaa
keenyaa fi Fayyisaa keenyaatti Yesustti amanuudhaan. Karaa keenya isa cubbuudhaan
guutame irraa deebinee yoo akka nu fayyisuudhaaf akka dhiifama nuuf godhuuf isa
kadhanne, inni isa sana ni hojjeta. Yesus cubbuu keenyaaf du’uudhaaf gara biyya lafaa kan
dhufe ilma Waaqayyooti. Biyya lafaa kana irraa namoonni amantii isaanii isa irratti kaa’atan
kam iyyuu Waaqayyoon biraa dhiifama ni argatu, cubbuu isaanii (fi si’ool) irraa ni fayyu
Waaqayyoon biraas jireenya haaraa ni fudhatu. Waaqayyo loogummaa hin agarsiisu. Inni
biyya nuyi keessa jiraachaa jirruun, afaan nuyi dubbannuun, sooressa yookiin deegaa, dhiira
yookiin dhalaa, dargaggeessa yookiin kan dulloome, yookiin garaagarummaa qaamaa
kamiinuu dhiibbaan isarratti hin taasifamu. Kan amanu namni kam fi Yesusiin kan
waammatu ni fayya. Ati Yesusiin duuka bu’uu yoo murteessite kanatti aanee kan jiru kan ati
kadhachuu dandeessuudha:
Waaqayyo waaqa irra kan jirtu, ilma kee tokkicha Yesusiin, ani akkan fayyuudhaaf cubbuu
kootiif akka du’uuf anis tarii akkan fayyuudhaaf akkasumas waaqa irraa jireenya haaraa
akkan argadhuuf naaf erguu keetiif sin galateeffadha. Kraa koo irraa deebi’uudhaan cubbuu
kootiif dhiifama sin gaafadha. Yesusitti nan amana akka Gooftaa kootii fi Fayyisaa kootti
nan simadha. Jireenya haaraa naaf kennitu kanattis jireenya sigammachiisu akkan
jiraadhuudhaafis nagaggeessis na gargaaris. Ameen. https://t.me/aron_officials