"Ajaa'iba rabbii tafkiin ija qabdi!" Jedhe namichi. Carraa dinqii wayiitu dhufe. Carraan sun immoo barattoota bara baratanitti qabxii gaarii galmeessaa turaniif dhufe. Innis akkas ture barataan Ethiopia tokko qabxii daanga'ee ol kan qabu yoo taheef qabxii bara baratu hojjete deemee gara Qarshiitti zarazzarata. Mootummoota dhaabbata biyyooota gamtoomaniitu(UN) Ethiopia'f murtoo ajaa'iba dabarse. Qarshii tiriiliyoona Hedduun tilmaamu lammii Ethiopia' barateef arjoomuudha.
Keessumaa qabxiin university immoo widdiidha. A'n tokkoon Ishee birrii Ethiopia'tti qarshii 5000tti tilmaama. Yeroon isaa murtaa'aadha. Jaarsaa Fi jaartiin,barataa Fi barsiisaan document ' isaanii gaggalabaxaa jiru. Kaan gammachuun of wallaaleera. Kaan immoo taa'ee miira Gaabbiin hidhii xuuxa. Warri hin baranne immoo of jibbaa jiru. Mootummaa biyyattiitu gad bahee Ibsa kennaa jira. Namni hunduu Kaan YouTube 'n Kaan ammoo TV 'n ija babbaasee hordofa.
Waan nama dhibummoo barattoota waancaa Fi meedaliyaan 🏅 eebbifamaniif kennaa addaatu jira. Waan dinqiidha! Beektota biyya alaatu raajiidha jechaa jira. Mata dureen miidiyaa Qabxiif qarshii' kan jedhu qofa taate.
Anis hammuman baradhe kanatti waanan qabun yaaduu eegale. Nan ida'e,Nan hir'ise Nan baayyise,Nan hire. Document ko gadan baase homaa hin jettu na jiraachisti. Maaloo osoon yoona eebbifameera tahe jedheen hawwe. Isan Dur "maalumaafan yerooko asitti gubaa jiraa an?" Jedhee abdii kutu har'a akka seenaattan yaadachuu eegale. Hin qoosiina A Shan argannaan salphaa miti. Calculator baaseen kutaa 8 hanga 12tti walitti ida'e. Isheen Yuunivarsiitiittu waggaa 3 baradhen itti dabale. Nan karoorse.Amanuun dadhabe. Nan maraqqane haa tahu Nan dhiphadhe haa tahu naaf hin galle garuu miira kootu na oofaa jira. Hiriyoota Koo duriittan bilbila. Isaanis walitti qabachaa Akka jiran natti Himani. Kaan ammoo "Eessaa funna nuti qoosaa turreewoo"jedhanii miira abdii kutannaa dubbatu. Ijoolleen kutaa isaanii irraa sadarkaa Fi qabxii gaarii qaban maxxanfamuu eegalani. Keessumaa barattoonni Yuunivarsiitii Fi highschool adda dureen warra barbaadamanidha. Biyyaatu bayya dinqii tahe. Warra document irraa abdii kutetu Abdii horate. Ilmoo namaatu afuura baafate. Ilma hiyyeessaa Isa qabeenya dhabee gatametu beenyefamuuf jedha.
Bilbila haaraatu naaf bilbilame.Biiroo barnootaa godina keenyaa irraati. Nagaa na gaafatee dhimmaaf akkan barbaadamu naaf hime document hundas qabadhee akkan dhiyaadhus naaf himee silkiisaa cufate. Anis akkuma silkiin cufameen Yeeeessss!" Yoon jedhu Sagalee naasisaa wayiitu hirribaa naasisee na kaase. Anatu abjuun sagalee olkaasee haasofnaan mucaa nabira rafutu kolfee na dammaqse😭
Shiiiiiit😭 osoooman abjuun illee qarshiiko fudhadhee jiraadhe.
Silaa biyya kanatti abjuuman illee kaayyoo keenya garatti milkeessinu dhabne.
Mee nagaan oolaa!