Namoota lamadha
Halkan tokko ka'een
Abjuun manaa bahee
Osoon ciisee laaluu
Samiin ifuu ga'ee
Samiin ifee Ka'ee
Jiini guddaan bahee
Muka baayyee guddaan
Lafarraa ol kahee
Namoota baayyeetu
Jelatti wolga'ee
Oromoo Oromoo
Woliin jedhaa ka'ee
Harka wolqabuudhaaf
Wolitti hiixatuu
Jaarsi guddaan tokko
Waa Arkatti Baatuu
Namoota woldhaban
Wolfaana Fidanii
Osoodhuman Arguu
Araarsuu Eegalanii
Namoota lamadha
Jaarsummaa dubbatuu
Isin ilmaan Kootidha
Maalidhaaf wolnyaattuu
Muka kana Argituu
Dameen waan fakkaatuu
Akka muka kanaa
Ilmaan koo baayyatuu
Inni Tokko Dheeraa
Kaanimoo gabaabaa
Baay'ees hin dheeratu
Xiqqoo bira Darbaa
Namoota Baay'eetu
Dhaabbatee ilaalaa
Lakkooftee hin fixxu
Miliyoona Caalaa
Dhiiraa Fi Dubaraa
Daa'imaaf maanguddoo
Walitti dhiyoodhaa
Hin mullatu Iddoon
Jedhee jaarsi tokko
Osoonni dubbatuu
Lafa bariin geenyaan
Simbirri Iyyituu
Bara moo bariidha
Kan natti mullatuu
Baay'eesaa bareeda
Abjuu hin Fakkaatuu
➪@Musaab_Naasir🌟
➪@Musaab_Naasir🌟
Halkan tokko ka'een
Abjuun manaa bahee
Osoon ciisee laaluu
Samiin ifuu ga'ee
Samiin ifee Ka'ee
Jiini guddaan bahee
Muka baayyee guddaan
Lafarraa ol kahee
Namoota baayyeetu
Jelatti wolga'ee
Oromoo Oromoo
Woliin jedhaa ka'ee
Harka wolqabuudhaaf
Wolitti hiixatuu
Jaarsi guddaan tokko
Waa Arkatti Baatuu
Namoota woldhaban
Wolfaana Fidanii
Osoodhuman Arguu
Araarsuu Eegalanii
Namoota lamadha
Jaarsummaa dubbatuu
Isin ilmaan Kootidha
Maalidhaaf wolnyaattuu
Muka kana Argituu
Dameen waan fakkaatuu
Akka muka kanaa
Ilmaan koo baayyatuu
Inni Tokko Dheeraa
Kaanimoo gabaabaa
Baay'ees hin dheeratu
Xiqqoo bira Darbaa
Namoota Baay'eetu
Dhaabbatee ilaalaa
Lakkooftee hin fixxu
Miliyoona Caalaa
Dhiiraa Fi Dubaraa
Daa'imaaf maanguddoo
Walitti dhiyoodhaa
Hin mullatu Iddoon
Jedhee jaarsi tokko
Osoonni dubbatuu
Lafa bariin geenyaan
Simbirri Iyyituu
Bara moo bariidha
Kan natti mullatuu
Baay'eesaa bareeda
Abjuu hin Fakkaatuu
➪@Musaab_Naasir🌟
➪@Musaab_Naasir🌟