Iccitii Qabadhu!
🔰Ati gaafa iccitii kee himattu, Aboo kee dhabda. inni ati iccitii kee itti himtu sun guyyaa wayii boolla si buusa.
✍ Macaafa Seera Uumamaa 3 :1
keessatti Seexanichi , “Dhuguma Waaqayyo, ‘Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa hin nyaatinaa!’ isiniin jedhee?” jedhee gaafate.
✔️Hewaanis, Uumama 3: 2-3 irratti immoo
bofichaan, “Nuyi ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran irraa nyaachuu in dandeenya; 3 garuu muka isa iddoo dhaabaa kana walakkaa jiru duwwaa, Waaqayyo, ‘Ija isaa irraa hin nyaatinaa, isattis hin bu'inaa! Kanaa achi in duutu’ jedheera” jette dubbii mana keessatti Waaqayyo Maatii sana mariisise akka salphaatti Hewaan tarreessitee Seexanatti himte. (Safuudha, Seexana jalaa balbala banteem🙆, fira fakkaatanii dhufu warri nama cabsan.)
✔️ Bofichis Erga Seenaa jireenya (ምስጢራ) maatii sanaa karaa dubartii kanaa baree, Uumama 3 :4-5 irratti, “Hin duutan; 5 isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka” jedheen.
"Dubbii arraba irraa baate Fardi hin dhaqqabu jedhama mitiiree," Hewaan amma Orma dhaggeefachuu jalqabdekaa!
👉Amma Aboo isa Waaqayyo na fakkaattu jedheen dagatanii, akka Waaqayyoo ta'uuf mukicha nyaatan.
👉 Waaqayyo jalqabumayyuu nama akka fakkaattii isaatti uume, isaan garuu kana irraanfatanii Waaqayyo fakkaachuuf yaalan.
Asirratti Addaam Waa lama dagate
a. Aangoo Waaqayyoo :- abboommii Waaqayyo itti kenne.
b. Aangoo mataa isaa:- Kun immoo isa Waaqayyo Aboo uumama irratti kenneef. Waaqayyo Addaam akka uumama hundatti maqaa moggaasuuf aboo kenneef.
Isaan keessaa biqiltuun sun tokko ture, garuu isa dura muka badiisaa jedhamee moggaafame, Seexanni dagachiiftee "Mukti kun akka jedhamu miti, jetteen. Isaanis in #Maman
Kun hunduu Iccitii himuu irraa jalqabeem.
Kan Si cabsu kaan rakkataa fakkaatee sitti siqa.
Kaan fira fakkaatee sitti siqa,
kaan qulqulluu fakkaatee sitti siqa.
Ati garuu irraa of eegi!