Walii galteen nageenyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Qondaaltota WBO gidduutti mallatteeffame
~~~
Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannicha keessatti qilleensi nagaa bubbisee uummanni Oromoos boqonnaa argatee hojii hawaas dinagdee irratti fuuleffachuun badhaadhina maatiifi biyyaa keessatti shoora isaa akka bahatuuf xiyyeeffannaan hojjechaa tureera, hojjechaas jira. Dhibdeen Oromoofi Oromiyaa Karaa nagaa akka furamuufis nuffi tokko malee walitti fufiinsaan waamicha nagaa taasisaa tureera.
Qaamoleen quuqamni Oromummaa Manaa isaan baaseefi dhibdeen siyaasa Oromoo afaan qawween qofaan fala argata jedhanii yaadaa turan miseensonni WBO hedduunis ejjennoo mootummaan Nageenya waaressuuf qabuufi waamicha isaaniif dhihaachaa ture fudhatanii karaa nagaa galaa turaniiru.
Yeroo ammaas Mootummaan Naannoo Oromiyaa egereefi hiree ummata Oromootiif jecha garaagarummaa jiru dhiphisuun naannicha keessatti nageenya waaraa fiduuf qondaaltootaafi miseensota WBO waamicha nageenyaa fudhatan waliin mariin taasifamaa jiru milkaa’aadha.
Guyyaa har’aas Hooggansa Olaanoo Mootummaa Naannoo Oromiyaafi qondaaltota WBO gidduutti walii galteen araaraa mallatteeffameera. Walii galtee kana gama mootummaa Naannoo Oromiyaan kan mallatteessan Pirezedaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Andiisaa yoo ta’an, gama WBOn ammoo qondaala olaanoo WBO kan ta’an Obbo Sanyii Nagaasaatu mallatteesse.
Pirezedaant Shimallis saganticha irratti WBO Waamicha Uummataafi Mootummaa simatanii qabsoo Karaa nagaa filatan galateeffatanii wal dhabdeen keessoo Oromoo diinotaaf Karaa banuu irraa kan hafe Oromoof faayidaa homaa akka hin qabne kaasaniiru.
Qondaalli WBO Obbo Sanyii Nagaasaan kan nufide waamicha uummanni taasise simachuufi dararaan Oromoo hafee qilleensi nagaan Oromiyaaf akka bubbisu yaadneeti jedhan.
Araarri bu'uura Nageenya waaraati!
Tokkummaan Oromoo ijaarsa biyyaaf!
Mareef marabbaan duudhaa sirna Gadaati!
Elaaf elaameen waldhabdee furuun Nageenya Waaressa!