Koomishiiniin maree biyyaalessa Itoophiyaa akka Naannoo Oromiyaatti ajandaa walitti qabuu Mudde 7 eegala
Komishiinichi Adeemsa ajandaa walitti qabuu Magaalaa Adaamatti eegalamuuf, bakka buutota paartilee siyaasaa, hoggantoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa bakka bu'an, bakka bu’oota dhaabbilee adda addaa fi dhaabbilee siivikii irraa walitti dhufan waliin Mari'achaa jira.
Itoophiyaan biyya guddoo Gaanfa Afrikaatti argamtu ta'uun hubatamee, qaamolee har'a Marii kana irratti hirmaatan biyya guddoo hirmaannaa Sabaa fi Sab-lammootaan ijaaramte uumuu keessatti gahee isaanii bahuu qabu jedhameera.
Komishinichii Marii Biyyaalessaatti Dursaan garee Marii Naannoo Oromiyaa Obbo Buzunaa Asaffaa, Gaaffiin Sabaafi Sab-lammootaa Marii Biyyaalessaan furmaata argata waan ta'eef, hoggantoonni Naannoo Oromiyaa akka Sabaatti Oromoon imaanaa guddaa waan isin irratti gateef, ajandaa Sabichaa bakka buutota isaanii waliin ta'uun dhiheessuun dirqama Sabummaa bahuu qabu dhaamaniiru.