Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa- MBIBA ( Ifa Boru Special Schools) fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa(Boarding Schools)
Qormaata Biyyoolessaa Bara 2016 Barattoota Isaanii 100% Dabarsan Maqaa Isaanii;
1- MBIBA Yunivarsiitii S.T. Adaamaa,
2- MBIBA Yunivarsiitii Amboo
3- MBIBA Yunivarsiitii Arsii
4- MBIBA Yunivarsiitii Dambi Doolloo.
5- MBIBA Yunivarsiitii Haramayaa,
6- MBIBA Yunivarsiitii Mattuu,
7- MBIBA Yunivarsiitii Odaa Bultum,
8- MBIBA Yunivarsiitii Wallaggaa,
9- MBIBA Danbal (Godina Sh/ Bahaa)
10- MBIBA Shaambuu (Godina H/G Wallaggaa)
11- MBBA W. M .O Adaamaa
12- MBBA W. M. O Bishooftuu
Walumaa galatti, Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa 10 fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa 2 barattoota isaanii 100% gara Yunivarsiitii dabarsaniiru.
Yunivarsiitiiwwan keenya qulqullina barnootaa mirkaneesduuf gaheen isin gumaachitaniifi gumaachaa jirtan seenan yoomiyyuu kan hin daganne waanta'eef galata guddatu isiniif mala. Galatoomaa!
Waldaan misooma Oromiyaa barnootaan, dinagdeefi hawaasummaan gumaachi ummata keenyaaf taasisaa jiru hundaa ol gammachiisaa ta'uun ni beekama. Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiin hojjataa jiru fakkeenya olaanaa ta'uunsaa fudhatamuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa 7 bara 2014 hundeesse bara 2017tti barattoota 1000tti dhihaatan qormaata biyyoolessaaf ni dhiheessa. Fakkeenyumaan WMO guutuu Oromiyaatti hayyoota gahumsa qaban horachuu keessatti kallattii kan agarsiise waan ta'eef qaamni MBBA hundeesse hundaa ol galata qaba.
Haaluma walfakkaatuun, Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa Bulchiinsa Magaalotaafi Godinaaleetiin hogganaman qabxii gaarii galmeessisuun barattoota isaanii 80% ol dabarsaniiru.
Keessattuu Manni Barnootaa Ifa Boruu Addaa Danbal (godina Sh/Bahaa)fi Shaambuu godina H/G Wallaggaa barattoota qormaata fudhatan 100% dabarsuun seenaa hojjataniiru.
Walumaa galatti. Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa Bul/ Magaalotaafi Godinootaa hundi galata guddaa qabdu. Galatoomaa!
Dhumarratti, Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuuf karaan dheeran kan nu hafu waan ta'eef, qaamni dhimmi barnootaa Oromiyaa nalaallata jedhu hundi Biiroo Barnootaa Oromiyaafi Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin ta'uun gahee keenya akka bahannu dhaamsa keenya ta'a.
#Walta'insaafi #Walii_Galiinsaan_Rakkoon_Hin_Hiikamne_Hin_Jiru!
Irra deebi'uun, #Baga_Geessan! isiniin jenna!
Barri Haaraan kan;
Nagaa, Fayyaa, Milkii, Quufaafi Gabbinaa Haata'u!
#AYYAANA_GAARII !
Fulbaana 01/2017
https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo