Kan dhuunfaa taasisuu (personalizing): - kun kutaalee hundumaa kan biro irraa karaa adda ta’e jireenya kee ykn kan garee keetii wajjin akka firoomu yaaduun M/Q yeroo dubbisanitti utuu hin hafiin gara mataa isaaniitti xiyyeeffachuutti dhufu. Seenaa fayyisuu waaqayyo kan ibsu fakkii guddaan utuu hin gammachiisin yeroo hafu fedhii fi hawwii dhuunfaa kan hin guunne ykn rakkoo isaanii haalota hambisuu barbaaduun rakkoo keessatti kufu.
Fkn, “Harreen Bala’aam akka dubbatttetti seenaan ibsu ani baay’ee akkan dubbadhu na yaachisa” yookiin “waa’ee ijaarsa iddoo aarsaa seenaan dubbatu ijaarsa mana qulqulluummaa haaraa akka ijaarru nu yaadachiisa” fi kkf dha. Macaafa qulqulluu calluma jettee hin dubbisin. Seenaan macaafa qulqulluu kan barreeffame kallattiidhaan siif miti.
Seenaan yooseef kan dubbatu kallattiin waa’ee kee osoo hin taane, waa’ee yooseef ta’uun, waaqayyo wantoonni karaa isaa akka adeemsifaman ibsa. Seenaan Ruut waaqayyo si’iif utuu hin taane Ruutii fi namoota Betilihemiif waan gaarii gochuu isaa dubbata. Waaqayyo taatewwan M/Q kanneen wanta isaan godhan akka jirutti akka galagalchitu sirraa hin eegamu. Isaan irratti wanti raawwatame sirratti akka hin raawwanne barbaaduu danda’a.
taatonni M/Q yeroo tokko tokko gaarii, yeroo tokko tokko gadhee, yeroo tokko tokko hubatoo, yeroo biraa immoo gowwoota ta’uun ibsamaniiru. Yeroo tokko tokko ni adabamu yeroo biraa immoo dhiifamaan darbu, yeroo tokko tokko haala gaarii keessatti argamu yeroo biraa immoo haala jibbisiisaa keessatti isaan ilaalla. Gochi kee macaafa qulqulluu keessatti kan raawwatame hunda beekuu dhama’uu utuu hin taane, seenaa namoota yeroo sana turaniif raaawwate keessatti sagalee waaqayyoo barachuu dha. M/Q keessatti namni tokko waan tokko godhe jechuun atis sana gochuuf heyyama yookaan dirqama qabda jechuu miti. Wanti ati gochuu qabdu waaqayyo sagalee isaatiin dhimma si ajaju gochuu qofaa dha.
@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio