HIRIYAA/SAAHIBA/
Daa'imummaa irraa kaasee namni hiriyaa malee hin jiraatu. Haa ta'u malee hiriyyaan gosa lama qaba. Innis:
kan namni ittiin qajeeluufii kan namni ittiin jallatuudha. Namoonni umrii ga'eessummaa guutan hiriyaa gaarii filachuun isaanirratti dirqama. sababni isaa gaarii hunduu ni jaallata. hiriyaa gaariinis dhiibbaa gaarummaa qofaa namatti godha. FKN haa fudhannu
Nama salaata salaaturraa salaatuma baratta. Nama sigaaraa xuuxurraalee sigaaruma baratta.Dubartiin naamusa qabdu karaa saahiba (geellee)isiitiin qormaata jinjanaa jedhuufi zinaaf saaxilamti. Yeroo dheeraa naamusaan jiraattee, guyyuma tokkotti kabajni isii caba kanaafuu hiriyaa gaarii filachuun barbaachisaadha.
"Mu'umina malee saahiba hin godhatin, nama sodaa Rabbii qabu malees nyaata kee hin nyaachisin" Fardi Harree waliin Oolu dhuufuu bara jedhan warri mammaaku. Nama meeqatu hiriyyaa badee diiniifi duuniyaa isaa mancaasaa oola. jaartiifi Daa'imman Isaa beelaafi rakkoof saaxila?
Namni Diinii saahiba Isaatiirratti argama. kanaafuu tokkoon keessan eenyuun akka hiriyaa godhatu/ te/ haa ilaalu jedhan. "Yaa obboleewwan mee eenyu waliin oolaa jirra? ofitti haa deebinu guyyaa qiyaamaallee namuma jaallannuu waliin kaafamna.Osoo gaggaariin jiruu gadhee waliin maaf deemna? Yoosoo miskiin hafee dhukkee kosii ulannaa, Ammumarraa kaanee saahiba filanna.