Mirgi Abbaa-Biyyummaa Hanqaaquu Cabee Biyyeetti Makamu Miti!
=======================
Mootummaan kufeef biyyi hin kuftu. Mootummaa n biyya facaaasaa jiru kufeef biyyi facaatu hin jirtu. Impaayerin kan hanga amma biyya taatee hin beekne, har’a maqaa “biyya hambisuutin” biyya hin taatu. Biyyii Haacaaluu nyaattee “Jawaartu na hafe!” jettee sirbitu biyya jiraachuu qabduu miti. Isheen kun “biyya” awwalamtee, biyya Jawarif Oromoota biroof biyya dhugaa taatu irratti ijaarruu dha.
Sirni #AbiyAhmed sirnaa mitii. “Sirna” isaan jedhanii waamuufuu hin tolu. Sirna Abiy kana sirna jennee yoo isa waamuun barbaachisaa ta’e, sirnichi inni gad-dhaabuuf yaalee, ammas gad-dhaabuf yaalaa jiru, sirna duguuggaa sanyii raaww’achaa jiru dha. Sirna nama nyaatu dha.
Sirna nama nyaatu hambisuun bara baraaf of nyaachisuu dhaaf kutachuu dha. Sirna nama nyaataa qawwee dhan ofirraa qoluun dirqama. Dirqamni kun kan keenya qofa utuu hin ta’in, dirqama namummaa, dirqama qaamoota addunyaa guutuuti. Sirna akkanaa kana qawwee dhan ofirraa kaan balaa fida yoo ta’e, “balaan” sun balaa warra sodaa bilisummaa qabuuti malee balaa uummatarra gahu miti.
(Dharraa fi Giddaa Ayyaanaa kan baraaruu dadhabee sirnicha. Dirqamnis kan motummaati malee kan riphee lolaatii miti. Sabni keenya rakkoo akkanaa keessaa akka of hin baraarre kan maqaa “Shaneetin” qawwee hiikkachiisee sirnicha. WBO dhabamsiisuuf kan finxaaleyyii hidhachiisee uummata keenya irratti bobbaase sirnichuma. Gaafasis kan qabsoo qawwee qeeqqaa, “karaa nagaatu nu baasaa” jechaa akka ofirraa hin loolle uummatas qabsaa’ootas kan “gorsaa” (ykn arrabsaa) turan warruma akka Jawar Mohammed “siyaasa karaa nagaa taphanna” jechaa turee dha. Ummata qawwee hiikkachiisanii erga maqaa “qabsoo karaa nagaatin” raffisaa turan booda, as garagaranii, “qawween keessan maal isinii fayyade?” nuun jechuu barbaadu.)
Maraafuu, bilisa ta’uuf sirnicha kuffisuun dirqama. Walabummaa argachuuf impaayera diigun dirqama. Impayerrittiin gaafa lafa dhooftu mirgi keenya biyyeetti hin makamu. Biyyaa fi biyyoo irra dhaabbannuttu keenya ta’a. Santu abbaa biyyummaatti beekkama.
#Sirni_hambisnu_hin_jiru!
#Impayerri_quuqamnuuf_yoomiyyuu_hin_jiraatu!
#JawarMohammed_is_wrong_again!