Hogganaa olaanaan Qabsoo ummata Oromoo Jawar Mohammed sarbama mirga namoomaa biyyattii keessatti deemaa jiru saaxilee jira. Akka Hog Jawar Mohammed jadhetti biyyattii keessatti daa'iman ukkaasuun maatii daa'imanii qarshii 100,000 hanga 500,000 gaafachuun jabaatee itti fufeera jachuun addeesse. Ukkamfamuun daa'imanii kun daa'iman warri isaanii qarshii harkaa qabu irratti akkaan xiyyeeffatama jadhe. Kan warri maatiin isaanii qarshii harkaa hin qabne ammoo akka Afooshaatti maallaqa walitti qabuun ijoollee isaanii warra ukkaamse harkaa baafachaa jiru jadhe. Itti dabaluun Kana malees ummata ofiifuu qaalayinsa jireenyaan rakkachaa jiru irratti guurraa dargaggoota fi buusii hundaa oliin ummatni rakkachaa jiru. Keessattuu rakkoon kun Magaaloota godinaa, Aanaalee fi araddaalee keessatti akkaan dabalaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Federaalaa dhimmi kun sarbaminsi mirga namootaati waan ta'eef hordofiin barbaachisu godhamee ummataaf furmaanni waaraan kennamuu qaba. Yaadachiisa: warri daa'iman ukkaamsu kun karaa baankii daldala Itoophiyaan maallaqa maatii daa'imanii gaafatu waan ta'eef Mootummaan baankii kana ammaa dursaas dhaabbilee gara garaatu baankii kana fayyadamuun ummata saamaa ture waan ta'eef baankii daldala Itoophiyaa kana Mootummaan sirritti irratti xiyyeeffachuun haarawwoomsa gadi fagoo godhuun baankii kana keessa garee ummata saamtu qulqulleessuu qaba. Maxxansa kana akka namaaf galuttiin ballisee maxxanse waliif qoodaa!!🙂
https://t.me/DR_ASIIL
https://t.me/DR_ASIIL