Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Sitti agarsiisu ibsaa magaalaa
Paarkii Finfinnee
Akka waan lammiin kee qe’eetti salphatee
Mormisaa hin citnee!
Siif dhaabaa oolu ‘biliclicii’ kee
Bifa waan hallee
Akka waan diinni ‘’Besimeab” jedhee
Ilma kee hin qallee!
Tv irraa ilaalta misooma lagaa
Misooma dirree
Akka waan aayyoon kee
Dhiigaafi imimmaan coccobsaa hin jirree…
Sitti himaa oolu Itoophiyaan kee baay’ee fagaachuu
Hundayyuu caaltee #Paaris fakkaachuu…
Xinxalaa oolta mukti dhaabame tokko
Yoom akka margu
Mar’umaan cabaa - gidiraa sabaa
Iji kee hin argu!
Biqiltuu tokkoof gatiin adabaa
Kuma dhibba sadii
Kan dhala namaa - kan lubbuu garuu santiimaa gadi!
Oromiyaan kee bakka watwaannaa
Bakka boo’ichaa
Dachee lubbuun namaa santiima hin baafnetti
Maaltu mo’ichaa?
Gandaan wal qoodnee
Garaan hadoodnee
Dhugaas hoodnee…
Gidiraa keessa rafuuf ciisne kaa
Imimmaan keessa rafuuf ciisne kaa
Harmee nu deesseefuu na’uu dhiisne kaa!
Kan kana caalu salphinni jiraa
Natti himaa firaa!!!!
Leta kenei
Paarkii Finfinnee
Akka waan lammiin kee qe’eetti salphatee
Mormisaa hin citnee!
Siif dhaabaa oolu ‘biliclicii’ kee
Bifa waan hallee
Akka waan diinni ‘’Besimeab” jedhee
Ilma kee hin qallee!
Tv irraa ilaalta misooma lagaa
Misooma dirree
Akka waan aayyoon kee
Dhiigaafi imimmaan coccobsaa hin jirree…
Sitti himaa oolu Itoophiyaan kee baay’ee fagaachuu
Hundayyuu caaltee #Paaris fakkaachuu…
Xinxalaa oolta mukti dhaabame tokko
Yoom akka margu
Mar’umaan cabaa - gidiraa sabaa
Iji kee hin argu!
Biqiltuu tokkoof gatiin adabaa
Kuma dhibba sadii
Kan dhala namaa - kan lubbuu garuu santiimaa gadi!
Oromiyaan kee bakka watwaannaa
Bakka boo’ichaa
Dachee lubbuun namaa santiima hin baafnetti
Maaltu mo’ichaa?
Gandaan wal qoodnee
Garaan hadoodnee
Dhugaas hoodnee…
Gidiraa keessa rafuuf ciisne kaa
Imimmaan keessa rafuuf ciisne kaa
Harmee nu deesseefuu na’uu dhiisne kaa!
Kan kana caalu salphinni jiraa
Natti himaa firaa!!!!
Leta kenei