👉 Ulfinni caalu eessa jira? Ulfina caalu fageessanii arguu keessa jira.
➀.➁. Musee
👉 Museen amantiidhaan ilma intala Fara'oon jedhamuu dide.
📖 Ibroota 11:24 Museen yeroo guddate amantiidhaan ilma intala Fara'oon jedhamee waamamuu dide. 25 Yeroo gabaabduudhaaf cubbuu keessa jiraatee gammaduu irra, saba Waaqayyoo wajjin rakkina jala jiraachuu fo'ate. 26 Inni ija isaa gatii isaa isa booddee irra waan kaa'ateef, sooruma Gibxii hundumaa irra, sababii Kristosiif arrabsoo baachuu badhaadhummaa isa caalutti lakkaa'ate. 27 Inni amantiidhaan dheekkamsa mootichaa utuu hin sodaatin biyya Gibxii ba'e; isa ijaan hin argamne akka waan arguttis yaada isaatti jabaate.
✍️ Murtoon amantii barbaada; Amantiinis murtoo barbaada. Amantee murteeffatta, murteeffattee amanta.
❓ Maal qaba bara itti sabni isaa yarboomee jirutti inni ilma intala fara'oon ta'ee birmaduutti utuu jiraate? Hafuurasaa garboomsee foon isaa bilisa baasurra foon isaa garboomsee hafuurasaa bilisa baasuu wayya.
✍️ Sababiin isaa Hafuurri bilisaan jiru foon garboomellee bilisa baasa. Hafuurri namaa yoo garboome garuu hafuuraaf foon namaa garbummaa keessatti dhiisa.
👉 Kanaaf mitiiree macaafni, "Garaan gammadu fayyina namaaf kenna, yaadni cabaan garuu lafee gogsa." jedha. (Fakkeenya 17:22)
👉 Afaan inglizii isaa Hafuurri cabaan (Broken spirit) jedha.
👉 Egaa hafuura ofii naaffisanii foon utaalchisuurra, hafuura ofii fayyaattu eeggatanii fedha foon ofii diduun murtoo gaafata.
➁. Murtoo gochaa boodaa (for decision)
👉 Namni nama ta'ee hin dogoggorre hin jiru. Haa ta'u malee dogoggora ofii hubatanii irraa deebi'uun murtoo gochaa boodaa (for decision) jedhama.
👉 Macaafni qulqulluun, "namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata." jedha.
📖 Fakkeenya 28:13 (MACQUL) Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata.
👉 Dhiisuu isheen jettu kun murtoo gaafatti. Yeroo baay'ee kan namatti ulfaatus gaabbuu miti; garuu erga gaabbanii waan itti gaabban sana dhiisuutu ulfaata.
👉Luq. 15 kaasee seebaa Dargaggeessicha mana abbaasaati bade sana yaadadhaa. Inni,
✍️ Dargaggeessichi qabeenya abbaa isaa hamna ga'aa isaaf malu hunda hiratee ba'e. Garuu yeroo muraasa gidduutti fixe.
✍️ Qabeenyi bilchaataan qabeenya amansiisaa miti. Horiin ati baankii qabdu horii amansiisaa miti. Sababiin isaa walitti sassaabuuf waggaa baay'ee, nyaattee fixuuf garuu guyyoota muraasa sitti fudhata.
✍️ Qabeenyi dhaabbataan waaqayyo siif kenne baankii daldala Itiyoophiyaa, B. Oromiyaa ykn baankota biroo keessa utuu hin taane, baankii sammuu keetii keessa jira.
✍️ Maarree dargaggeessichi kun guyyoota gabaabduu gidduutti waan qabu hundumaa fixee baay'ee rakkate.
✍️ Kana booda Murtoo jalqabaa, gara namicha tokkoo dhaqee isatti of gatuu murteeffate.
🔊 Harka namaa miti harka waaqayyoorratti if gatuu murteeffadhu.
✍️ Akkuma murteeffate, gara isa tokkoo dhaqee itti of gate; namichis waan godhu dhabnaan, booyyee haa tiksuuf lafa darabaa isaatiitti isa erge.
✍️ Haa ta'u malee kunis furmaata isaaf hin taane, jireenya booyyee wajjin wal'aansoo qabu itti taate. Qola booyyeen nyaatuun illee garaa isaa guuttachuu in kajeela ture, garuu isuma iyyuu argachuu hin dandeenye.
✍️ Yommus gurbichi yaada isaa naanneefatee.
🔊 Yaadni siuf haa naanna'u har'a.
✍️ Akkas jedhe, 'Hojjetoonni guyyaa abbaa kootiif hojjetanii buddeenni isaan irraa hafu nama meeqa? Ani garuu asitti beelaanan badduu ba'a."
✍️ Gaafa yaada naanbeffattu, Eessa akka dhufte, eessa akka jirtu fi maal gochuu akka ati qabdutu siif gala.
✍️ Kana booda murtoo isaa lammaffaa, "Ka'ee gara abbaa koo dhaqeetan, "Yaa abbaa ko, Waaqayyoon, sis yakkeera; si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u, hojjetoota kee keessaa akka isa tokkoo na godhadhu'" jedhaa jedhee murteeffate.
Eebbifamaa!