Humna dubbii waaqayyootti amani
📖 Ibroota 4:12 Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a.
📖 Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha; hin dulloomu, hindadhabus. Barri hojjechuusaaf humni hojjechuusaa itti hindarbu. Yeroo hundumaa haara'aa adeema.
📖 Dubbiif barruuleen namaa moofa'aa adeema. Kon gooftaa garuu yeroo hundumaa haaraadha.
🔊 Isa biyyi lafaa arguu hindandeenye, morgaaf dhuka, kaleef ribuu keessan keessa galee in mura.
🔬Meeshaaleen qorannoo fayyaa kanneen akka 'CT-scan fi ultrasound' bakka dhibeen kee jiru fi gosa dhibee qaama keessa jiruu adda baasuu danda'a. Meeshaan hafuura hamaa adda baasu gaaru hin jiru. Sagaleen waaqayyoo hafuurota sana qoree ilaaluudhaaf humna qaba.
📖Ermiyaas 23:29 Dubbiin koo akka ibiddaa mitii ree Akka burruusa dhagaa kattaa caccabsuus mitii ree?
✍️ kana jechuun, 'isa qola xa'e ingubaa, isa dhagaa fakkaatee siyaaddesse immoo sirraa daaka.'jechuudha.
📖 Dubbiin Waaqayyoo ijaaruufis yoo ta'e diiguuf, dhaabuuf yoo ta'es buqqisuuf, muruufis humna qaba.
📖 Faarfannaa 29:3 Sagaleen Waaqayyoo galaana irraa in dhaga'ama, Waaqayyo inni ulfina-qabeessi in kakawweessa'a; inni galaana gurguddaa irrattis waaqayyummaa isaa in argisiisa. 4 Sagaleen Waaqayyoo humnaan in dhaga'ama; sagaleen Waaqayyoo surraadhaan in sochoosa. 5 Sagaleen Waaqayyoo muka gaatiraa in caccabsa; Waaqayyo muka gaatiraa tulloota Libaanon in caccabsa. 6 Inni tulloota Libaanon akka jabbii, tulluu Siiriyonis akka dibicha gafarsaa in burraaqsisa. 10 Waaqayyo bishaan badiisaa gara irraa iyyuu taa'eera; Waaqayyo bara baraan mootii ta'ee teessoo irra in taa'a.
🔊 Waaqayyoo haalota, bishaan badiisaaf uumama gararraa jira!
✍️ Akkuma seera biyya lafaatti dhimmi keessan yoo isin duraa qabame ol iyyannoon keessan sadarkaa gandaatii eegalee hamma Federaalaatti deemtu. Federaalli murteessinaan gandi diduu hindanda'u. Akkasuma manni maree 'sadantichaa' murteessinaan biyyi lafaa diduu hindanda'u.
🔊 Dhimmikee Mana maree sadantichaa (Trinity council) dhaa siif murtaa'eera.
💪 Humni maqaa yesuus, sagaleesaa keessaan hojjeta. Humna sagalee waaqayyootti amani.