Kutaa 28ffaa
Ergama keenya Obboroo
Onkololessa 13 - 2017
Mootummaa Ogeessa
Dubbisa Macaafa Qulqulluu: 1Mot. 8:41-43
Yaadichi maali? Inni duraa Salamoon ogummaa fi ulfina isaan dinqisiisaa ta'us kun hundi mootummaa Masiihummaa dhufuuf gaaddidduu ta'uun isaa Kiristoos Mootummaa olaanu ta'uu isaati. Nuti uummata mootummaa guddaa mootii kana jala jirruudha. Biyya lafaa hundumaa kan bitu Ogummaa Waaqayyoo kan ta'e kun nu bita, jireenya bittaa isaa keessa jiraanna. Inni uumaa saboota biyya lafaa hundumaa ta'uu isaan abbummaan kan isaati. Nagaa, boqonnaa fi abdii mootii nuuf kennuudha.
Inni lammataa 1Mot. 4 irratti mootonni uummatootaa fi uummatoonni saboota biyya lafaa hundi ogummaa Salamoon irraa dhaga'uuf yeroo dhufan argina. Kan dhufanis ogummaa, humnaa fi badhaadhina isaarraa kan ka'e qaama mootummaa mootii guddaa Salamoon ta'uuf hawwaa fi bitamaafii akka turan ilaalla. Yesuus Barsiisota seeraa fi fariisotaan Mat. 12:38-42 irratti mormeeniira. Sababni isaas Yesuusin dhaga'uuf heeyyamamoo waan hin turreefi. Giiftiin kibbaa ogummaa Salamoonin dhaga'uuf qarqara lafaarraa dhufteetti. 1Mot. 4:34 irratti ogummaa Salamoonin dhaga'uuf Ormoota hunda keessaa namoonni bahan yeroo dhufan ilaalla. As irratti garaagarummaa uumame ilaalaa. Kan Salamoonin caalu gidduu isaanii ture. Gaaffiiwwan laman dhiyeessa
Mootummaa mootii kana keessa jirtaa?
Masiihichi Isa olaanu! turtii amma lafarra jirru kanatti bittaa Isaa jala taana. Guutummaan mootummaasaa dhufu keessatti immoo foon keenya kun foon Isaa isa ulfaataa haa fakkaatuuf ni jijjiira. Mootummaa Isaa keessa boo'ichi, dhukkubni, yaaddoon, siqiqiin, buqqa'uun, duuti hin jiru.
Gara mootummaa kanaatti namoota biroo affeeraa jirtaa?
Saboonni biyya lafaa Isa Salamoon irra caalu kana argachuuf bakka jiranii essumattuu deemuu hin qaban; bakka isaan jiran akka deemnuuf "deemaa!" kan jedhu ajajni mootichaa nuuf kennameera. Nutis namni hundumtuu gara Isa mootummaan Waaqayyoo keessatti argamuu gara Yesuus Kiristoosiin akka dhufaniif waamicha haa dhiyeessinu!
Kutaa 29ffaan itti fufa...
t.me//Youth4Christ1

"Akkasuma immoo sanyii saba kee Israa'el keessaa kan hin ta'in, namni ormi waa'ee maqaa keetii dhaga'ee biyya fagootii in dhufa; namni waa'ee maqaa kee isa guddaa, irree kee isa cimaa fi harka kee isa bal'ifamaa dhaga'ee dhufee, gara mana kanaatti garagalee yommuu kadhatutti, waaqa irraa, iddoo jireenya keetiitii isaaf dhaga'i! Sabni lafa irraa hundinuu akkuma saba kee Israa'el maqaa kee akka beekanitti, akka si sodaatanitti, manni ani ijaare kunis maqaa keetiin akka waamamu akka beekanitti waan inni ormi sun si kadhatu dhaga'iif!
Yaadichi maali? Inni duraa Salamoon ogummaa fi ulfina isaan dinqisiisaa ta'us kun hundi mootummaa Masiihummaa dhufuuf gaaddidduu ta'uun isaa Kiristoos Mootummaa olaanu ta'uu isaati. Nuti uummata mootummaa guddaa mootii kana jala jirruudha. Biyya lafaa hundumaa kan bitu Ogummaa Waaqayyoo kan ta'e kun nu bita, jireenya bittaa isaa keessa jiraanna. Inni uumaa saboota biyya lafaa hundumaa ta'uu isaan abbummaan kan isaati. Nagaa, boqonnaa fi abdii mootii nuuf kennuudha.
Inni lammataa 1Mot. 4 irratti mootonni uummatootaa fi uummatoonni saboota biyya lafaa hundi ogummaa Salamoon irraa dhaga'uuf yeroo dhufan argina. Kan dhufanis ogummaa, humnaa fi badhaadhina isaarraa kan ka'e qaama mootummaa mootii guddaa Salamoon ta'uuf hawwaa fi bitamaafii akka turan ilaalla. Yesuus Barsiisota seeraa fi fariisotaan Mat. 12:38-42 irratti mormeeniira. Sababni isaas Yesuusin dhaga'uuf heeyyamamoo waan hin turreefi. Giiftiin kibbaa ogummaa Salamoonin dhaga'uuf qarqara lafaarraa dhufteetti. 1Mot. 4:34 irratti ogummaa Salamoonin dhaga'uuf Ormoota hunda keessaa namoonni bahan yeroo dhufan ilaalla. As irratti garaagarummaa uumame ilaalaa. Kan Salamoonin caalu gidduu isaanii ture. Gaaffiiwwan laman dhiyeessa
Mootummaa mootii kana keessa jirtaa?
Masiihichi Isa olaanu! turtii amma lafarra jirru kanatti bittaa Isaa jala taana. Guutummaan mootummaasaa dhufu keessatti immoo foon keenya kun foon Isaa isa ulfaataa haa fakkaatuuf ni jijjiira. Mootummaa Isaa keessa boo'ichi, dhukkubni, yaaddoon, siqiqiin, buqqa'uun, duuti hin jiru.
Gara mootummaa kanaatti namoota biroo affeeraa jirtaa?
Saboonni biyya lafaa Isa Salamoon irra caalu kana argachuuf bakka jiranii essumattuu deemuu hin qaban; bakka isaan jiran akka deemnuuf "deemaa!" kan jedhu ajajni mootichaa nuuf kennameera. Nutis namni hundumtuu gara Isa mootummaan Waaqayyoo keessatti argamuu gara Yesuus Kiristoosiin akka dhufaniif waamicha haa dhiyeessinu!
Yaa Waaqayyo waa'ee mootummaakee akka yaannu waan nu gargaarteef si galateeffanna. Gara mootummaa keetti baay'een akka dabalamaniif waa'ee mootummaakee akka dhugaa baanu nu gargaari. Ameen!
Kutaa 29ffaan itti fufa...
t.me//Youth4Christ1