Kutaa 32ffaa
Ergama keenya ganamaa
Onkololessa 20 - 2017
Amantiin moo hojiin?
Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Hojii ergamotaa 15:1-35
Phaawulosii fi Barnaabaas dubbii Pheexiroos yommuu dhaga'an, waa'ee mallattoo fi dinqii Waaqayyo Ormoota gidduutti hojjete yeroo dubbatan, hundi isaaniis ni callisan. Dhumarratti Yaaqoob ka’ee seeraa fi dambiidhaan Ormoota rakkisuun gaarii miti, garuu warra waaqa tolfamaadhaan xuraa’an, ejja irraa dhowwuu fi dhiiga ukkaamame dhorkuun gaarii dha jedhe. Hundi isaanii walii galanii, Phaawulosii fi Barnaabaas akkasumas namoonni muraasni waldaa Anxokiyaatti xalayyaa erganiiru. Bakka buʼoonni xalayyaa sana yommuu dubbisan, Ormoonni ni gammadan!
Har’a Wangeela yeroo labsinu barbaachisummaa amantii fi hojii fayyinaa cimsinee ibsuun barbaachisaadha. Garuu namoota ayyaana Waaqayyootiin kan fayyan, amantii qofaan akka ta'e akka beekan gochuu qabna. Efesoon 2:8,9 "ayyaanni Waaqayyoo amantiin isin fayyise, kunis isinirraa kan ka'e miti, kennaa Waaqayyooti; Hojii irraa kan ka’es miti kan namni kamiyyuu ittiin of jajuu hin qabne. Amantii fi dhaqna qabaa, yookaan amantii fi dubbisa Macaafa Qulqulluu, yookaan amantii fi waldaa dhaquun nama fayyisuu miti. Namni hojiin osoo hin taane irraa ayyaana qofaan fayya. Dhaabbileen amantaa baayyeen dhagaa baattanii mana amantaa naanna'uu, kophee malee deemuu, deddeebisanii qaama dhiqachuu, soomuu, namoota harkaan qabnee dubbisnu filachuu...dhaan fayina jedhu. Kun garuu guutummaatti sobadha. Namni kamiyyuu kan fayyu ayyaanaan qofaadha.
Gama biraatiin amantoonni haaraan barbaachisummaa hojii gaarii jireenya kiristaanaa keessatti hubachisuun barbaachisaa dha. Efesoon 2:10 “Nuti uumama isaati; Hojii gaggaarii Waaqayyo dursee nuuf qopheesse keessa akka deddebinuuf Kiristoos Yesuusiin nu uume. Hojiiwwan gaariin sun amantiin nama tokkoo dhugaa ta’uu isaaf ragaadha. Amantiin dhugaan, hojii gaariin of mul’isa. Hojii gaarii hojjachuun nama fayyisuu akka hindanddegne beeknus ; hojii gaarii hojachuun namni sun akka fayyeef ragaadha. Gabaabumatti amantiin dhugaan ni hojjeta! Yaaqoob "Amantiin hojii malee kan du'e" jedha. Garuu namni tokko, ‘Ati amantii qabda anis hojii qaba’ jedhe. Amantii kee hojii malee natti agarsiisi, ani immoo hojii kootiin amantii koo sitti nan argisiisa" (Yaaqoob 2:17,18).
Kutaa 33ffaan itti fufa...
t.me/Youth4Christ1

Isa Kana booda nan deebia, dunkaana Daawit isa jiges deebisee nan ijaara, ,isa diigames haressee nan dhaaba, nan qajeelchas, namoonni hafanis gooftichi akka barbaaddan, sabni biyya lafaa irraa maqaa kotiin waamaman hundinuus, Gooftaan inni kana godhu akkas jedha. Hojii Ergamootaa 15:17
Phaawulosii fi Barnaabaas dubbii Pheexiroos yommuu dhaga'an, waa'ee mallattoo fi dinqii Waaqayyo Ormoota gidduutti hojjete yeroo dubbatan, hundi isaaniis ni callisan. Dhumarratti Yaaqoob ka’ee seeraa fi dambiidhaan Ormoota rakkisuun gaarii miti, garuu warra waaqa tolfamaadhaan xuraa’an, ejja irraa dhowwuu fi dhiiga ukkaamame dhorkuun gaarii dha jedhe. Hundi isaanii walii galanii, Phaawulosii fi Barnaabaas akkasumas namoonni muraasni waldaa Anxokiyaatti xalayyaa erganiiru. Bakka buʼoonni xalayyaa sana yommuu dubbisan, Ormoonni ni gammadan!
Har’a Wangeela yeroo labsinu barbaachisummaa amantii fi hojii fayyinaa cimsinee ibsuun barbaachisaadha. Garuu namoota ayyaana Waaqayyootiin kan fayyan, amantii qofaan akka ta'e akka beekan gochuu qabna. Efesoon 2:8,9 "ayyaanni Waaqayyoo amantiin isin fayyise, kunis isinirraa kan ka'e miti, kennaa Waaqayyooti; Hojii irraa kan ka’es miti kan namni kamiyyuu ittiin of jajuu hin qabne. Amantii fi dhaqna qabaa, yookaan amantii fi dubbisa Macaafa Qulqulluu, yookaan amantii fi waldaa dhaquun nama fayyisuu miti. Namni hojiin osoo hin taane irraa ayyaana qofaan fayya. Dhaabbileen amantaa baayyeen dhagaa baattanii mana amantaa naanna'uu, kophee malee deemuu, deddeebisanii qaama dhiqachuu, soomuu, namoota harkaan qabnee dubbisnu filachuu...dhaan fayina jedhu. Kun garuu guutummaatti sobadha. Namni kamiyyuu kan fayyu ayyaanaan qofaadha.
Gama biraatiin amantoonni haaraan barbaachisummaa hojii gaarii jireenya kiristaanaa keessatti hubachisuun barbaachisaa dha. Efesoon 2:10 “Nuti uumama isaati; Hojii gaggaarii Waaqayyo dursee nuuf qopheesse keessa akka deddebinuuf Kiristoos Yesuusiin nu uume. Hojiiwwan gaariin sun amantiin nama tokkoo dhugaa ta’uu isaaf ragaadha. Amantiin dhugaan, hojii gaariin of mul’isa. Hojii gaarii hojjachuun nama fayyisuu akka hindanddegne beeknus ; hojii gaarii hojachuun namni sun akka fayyeef ragaadha. Gabaabumatti amantiin dhugaan ni hojjeta! Yaaqoob "Amantiin hojii malee kan du'e" jedha. Garuu namni tokko, ‘Ati amantii qabda anis hojii qaba’ jedhe. Amantii kee hojii malee natti agarsiisi, ani immoo hojii kootiin amantii koo sitti nan argisiisa" (Yaaqoob 2:17,18).
Amantii fi hojii gaarii ilaalcha sirrii ta'een haa eegnu.
Kutaa 33ffaan itti fufa...
t.me/Youth4Christ1