Kutaa 34ffaa
Ergama Keenya
Onkololessa 23- 2017
Wanta hunduma nama hundumaaf
Dubbisa Macaafa Qulqulluu HoE 16:1-3
“Ximotewos amantoota Lisxiraadhaa fi Iqoniiyum jiran biratti maqaa gaarii qaba ture.” HoE. 16:2
Gaaffiiwwan kutaa 33ffaa keessatti kaasnee turre kan " Phaawuloos maaliif ximotewoosin dhagna qabsiise?" jedhun Wal qabatu kutaa kana keessatti ni baranna.
Xiinxallee yeroo ilaallu Phaawuloos Ximootiyoosin sababni dhagna kan qabeef ifadha. Amallifi beekamtiin yihuudotaa inni guddaan karaa dhagna qabaadha.warra yihuudotaa Wangeelaan qaqqabuuf malli salphaanis dhagna qabachuudha. Phaawuloos yihuudota Wangeelaan qaqqabuuf malli salphaanis Ximootiyoosiin dhagna qabsiisuun furmaata akka ta'e hubate. Ximootiyoos deemsa miisiyoonaa irratti Yihuudota tajaajiluuf akka isaaf salphatuuf dhagna qabsiise malee dhagna qabaan fayyina faana hariiroo tokko hin qabu. Ximootiyoos qixxeen Giriikii waan ta'eef yoo dhagna qabate malee Yihuudonni waan inni dubbatu dhaga'uuf fedhii hin godhatan. Dhagna yoo qabate garuu wangeelaaf karaa banuu danda'a kan jedhuufi.
Kutaa biraatti immoo Phaawuloos akkas jedheera, "Namoota hundumaa biratti birmaduu ta'ee utuman jiruu, caalaatti namoota buufachuudhaaf hundumaaf garba of godheera. Yihudoota biratti, warra Yihudootaa buufachuudhaaf akka Yihudiin ta'e; warra seera jala jiran biratti, ofii kootii seera jala yoon jiraa'chuu dhaabaadhe iyyuu, warra seera jala jiran sana buufachuudhaaf akka nama seera jala jiruun ta'e. Warra seericha hin qabne biratti, isaan buufachuudhaaf akka nama seericha hin qabneen ta'e; haa ta'u iyyuu malee, seera Kristos jala waanan jiruuf, ani seera Waaqayyoo hin dhabne. Warra amanti itti xobbee ta'an biratti, warra amantiitti xobbee ta'an buufachuudhaaf akka nama xobbee ta'eera; karaadhuma hundumaan namoota muraasa illee oolchuudhaaf, namoota hundumaa biratti waan fakkaatu hundumaa ta'eera. Hojii wangeelaatiin kennaa isaa keessaa hirmaachuudhaaf, wangeelaaf jedhee kana hundumaa nan godha."(1Qor 9:19-23)
Phaawuloos sadarkaawwan dhaabbii waaqaa utuu hin cabsin tokko tokkoon namootaa gara Kiristoositti akka deebisuuf namoota hundumaaf waan ta'u ta'eera. Phaawuloos Ximootiyoosin dhagna qabee seera murteessaa kana Ximootiyoosin barsiisaa ture. Dhukkubbiin dhagna qabaa Yihuudota faana waliigaluuf aarsaa xiqqoo kaffalamuudha. Utuma Yihuudonni baay'een isa mormanii baay'een gara Kiristoositti dhufan.
Har'a nuti yeroo tajaajillu seera waan hunduma nama hundaaf jedhu qabaachuu qabna. Saba ammayyaawaa irratti dhiibbaa uumuu yoo barbaanne waldaa kiristaanaa keenya keessatti mala muuziqaa jijjiiruu nu gaafata ta'a. Dhaloota dargaggeessaa mo'achuu yoo barbaanne amaloota ispoortiif hidhata keenya baasuu nu barbaachisa ta'a. Namoota bakka jiranitti arguu fi gara teessoo ayyaana isaa geessuu isaanii barachuu qabna. Kana jechuunis saayinsii dhugaa barabaraa fi seerota jijjiiruu jechuudha. Faallaa isaa namoota hin fayinetti oftuulummaa kan agarsiisnu yoo ta'e namoota baayyeetti karaa cufna. Yesuus ulfina isaa dhiisee namoota barbaaduuf waaqarraa gara biyya lafaa dhufe. Dhufees immoo Ani mootii waaqaaf lafaati jedhee oftuulummaadhaan Mana mootummaa keessa hin teenye, uffata moototaa uffatee moototaa wajjin nyaataaf dhugaatiin yeroo hin dabarsine, biyyoota gurguddatan qofaa keessa jiraachuuf hin murteessine, hiyyeessota oolchuuf Mana isaanii deeme, cubbamoota qaqqabuuf wajjin maaddiitti taa'e, nu oolchiudhaaf gara bakka nuti jirruu dhufe. Yesuus nama hundumaaf waan hundumaa ta'e.
Waan hunda namoota hundaaf ta'uun sagalee Waaqayyoo diiguu jechuu miti. Warra badan qaqqabuuf, karaa milkaa'aa haaraa argachuuf karaa haala hojiidhaa ol ilaaluu jechuudha. Gorsa Phaawuloos isa gadi fagoo fudhachuuf fedha haa qabaannu! muraasa Gooftaaf harkisuuf namoota hundaaf waan hunda ta'uu qabna.
Kiris Loosin barraa'ee https://www.emmanuelbaptistdc.org irraa kan afaan Oromootti hiikameedha. Yaadaaf gaaffii yoo qabaattan karaa @Boni4lv nuuf barreessaa!
Kutaa 35ffaan itti fufa...
t.me//Youth4Christ1