TAJAAJILTOOTA GOSA ARFAN(4) YEROO AMMAA JIRAN!
Addunyaa Hafuuraa Keessa Tajaajila Wangeelaa Irra Namoota gosa 4tu jira.
1. WARRA TAKKAA DHUGAAN Hin GALLEEF
-> Warra Karaa Isaan Ittiin Tajaajilaa ta'an namaaf Hin Galle.
- Isaan akkasii yoo gorsanis, ifatanis, barsiisanis dhugaan hin hubatamuuf.
- Dogoggora gochaa jiran dogoggora jedhanii amananii irraa hin deebi'an.
==> Isaan akkasii battaluma tokkoof ka'anii waa sassaabbatanii badu!
2. WARRA DHUGAAN EEGALANII SOBAAN ADEEMSA IRRA JIRAN
- Isaan kun madda gaarii fi dhugaan eegalanii hidhata baduun, Waan biyya lafaa kana buufachuu irratti xiyyeeffachuun, Wangeelaaf gatii baasuu irra gatii Wangeela irraa argatan sababeeffachuun fi waan kkf fakkaatuun warra karaa irraa kaataniidha.
Isaan akkasii Garee 2tu jira.
a. Warra gorsituu fi abbaa dhabanii karaa irraa goraniidha.
==> Isaan akkasii utuu nama isaan ifatu, gorsuu fi karaa irraa kaachuu isaanii itti himu argatanii deebi'uu danda'u.
b. Warra Utuu Gorsituu Argatanii Iyyuu Hin deebine.
==> Isaan kun karaa dhugaa irra adeemuun gatii nama kaffalchiisu simachuu irra sobaa fi jireenya manca'aadhaan bu'aa argatan warra caalchifataniidha.
==> Warra akka waan nama hundumaa caalaatti of ilaalanii fi warra akka gorsitootni isaanii xixinayyoo fi warra gorsi isaanii waa'ee hin baafnetti nama Lakkaa'aniidha.
3. WARRA UTUU AKKA DOGOGGORAA JIRAN BEEKANII DOGOGGORA KEESSA JIRAATAN
Isaan akkasii warra of tuulummaa fi faayidaan isaan argatan Waaqa itti ta'eedha.
==> Isaan akkasii warra ulfina mataa isaanii ulfina Waaqayyoo caalchisanii lakka'ataniidha. Waaqayyoof ulfina kennanii jiraachuu irra ofii ulfaatanii fi waan argachuu qaban argatanii jiraachuu barbaadaniidha.
==> Warri akkasii beekumsa hafuuraa fi dubbii Waaqayyoo warra qabaniidha garuu itti jiraachuuf utuu hin taane namni akka itti jiraayuuf qofa warra barsiisaniidha.
Warra yeroo hundumaa nama garrarraa of ka'anii jiraachuu malee gadi jedhanii Waaqayyoofis sabaafis hojjechuu hin beekneedha.
==> Warra dorgommee fooniitti jireenya isaanii hidhanii dhugaan Wangeelaa akka nadhii utuu keessaa yaa'uu waan yerootti hidhamaniidha.
@===> Isaan sadan kanaa olitti ilaalle kun warra yeroo muraasaaf mul'atanii dhabamaniidha. Giddii hin qabaatinaa isaan akkasii yeroof malee umurii dheeraa hin qabanii; waanuma saammachuuf barbaadan saammatanii gabaa hafuuraa keessaa ba'u, yookiis baafamu.
4. WARRA DHUGAA BEEKANII DHUGAAF JIRAATAA DHUGAAF HOJJETAN
Isaan akkasii baayyee muraasa. Warra jireenya fooniittis hafuuraattis gadi bu'oo fakkaataniidha. Warra namni isaanif ho'uu fi nahuuf hin jirreedha.
==> Lallabni isaanii dhugaa irratti hunda'a; Isa lallaban jiraatus.
==> Raajummaan isaanii dhugaa qabatamaadha. Itti dabalaaf mi'eessituu sobaa hin qabu. Waaqayyo afaan isaanii duukaa jira garuu sabni duukaa hin jiru.
=> Tajaajilli isaanii jireenya isaanii ibsa; Jireenyi isaaniis tajaajila isaanii ibsa.
Warri akkasii egaa warra waamicha isaanii irraa eegalanii umurii isaanii guutuu Waaqayyoof hojjetaniidha. Gareen yeroof ka'u baayyeen biraa faffaca'ee, hamma sabni maqaa isaanii dagatutti biraa badanii isaan akkasii garuu haala hundumaa dabarsanii iddoo aarsaatti hafu.
Egaa yaa firoottan ko nuyi biyya Faarfattootni yeroof ka'anii beekamanii eessa buuteen isaanii hamma dhabamutti dhokatan, Tajaajiltoota Wangeelaa waggoota muraasaaf biyya raasanii biyya keessa naanna'anii sana booda hamma sabni maqaa isaanii dagatutti utuu lubbuun jiranii ergaa fixanii dhokatan, Raajota yeroo muraasaaf biyya raasanii beekamanii sana booda ergaa of harkaa fixanii eessa buuteen isaanii hamma dhabamutti badan keessa jirra. Waaqayyo warra sobanii fakkeessuudhaan yeroof jiraatan kanatti lafa dhiisisuuf jira. Bara kanaan boodaatti akka kaleessaa hin ta'u. Warri ergaaf dubbii dhugaa fudhattanii ulfina ofii keessanii caalaa ulfina abbaa ergichaaf laattan jabaadhaa! Gad of deebisuudhaan tajaajiluu keessaniin Waaqayyon kabajuu ittuma fufaa Waaqayyo gargar baasaa!. Haalaaf biyya akkasii keessatti mul'ata ofiitti cichanii dhaabbachuu nama gaafata. Amanamummaa keessaniif Waaqayyo gatii ni deebisa!