Wanti ergisaa rakkisaadha…!
Dargaggoonni raajotaa jaatanii ijaarsaatti bobba’an turan. “Isaan keessaa tokko muka muruutti utuu jiruu, qarri qottoo ittii buqqa’ee bishaan keessa duraa in bu’e; yommus iyyee, Wayyoo kaa yaa gooftaa ko! Kanaa immoo qottoo ergisaa ti jedhe” (2Mt.6:5) iyyate Elsaa’itti. Wanni gaariin birmannaa namni Waaqayyoo sun godheen qarri qottoo sanaa argame.
“qottoo ergisaa”: Dargaggeessi sun in ergifate male kan isaa miti. Amma muka qottoo baata malee sibilli itti hin jiru. Yoo fagoodhaa ilaalan waan qottoo baatu fakkaata; yoo itti siiqamee ilaalame muka qottoo malee qarri irra hin jiru. Rakkoo hin qabu! kun sibiila; akkasumas mudannoo guyyaa tokkoo waan ta’eef in hubannaaf.
Bara kana kan rakkise garuu wanneen ergisaa bayyachuu isaa qofa utuu hin taane irra deddeebi’amuu isaati. Lallabni, barsiifinni, faarfannaan akkasumas raajummaan yoo waan ergisaa ta’e hin bareedu. Akkuma dargaggeessa sana fagootti yoo ilaalan waan qottoo baatu; garuu yoo itti siiqan immoo qarri irra hin jirre sanaa; ergisin bara kanaa faggootti yoo ilaalan waanuma itti cichee irratti hojjetee fide fakkaata; garuu yoo itti siiqanii tuttuqanni ilaalani wantichi ergisadha.
Mudannoo: Finfinne kana keessatti nama tokkotu kitaaba namni barreessee milqisee ofii isaa maxxanfate. Kitaabichi hedduu barbaadamaa ta’e. Namichi milqisee barreesse sun waltajjii adda addaa irratti afeeramuun dhangaa sana akka dhiheessu gaafatame. Inni garuu ibsa gadii fagoo laachuu waan hin dandeenyeef afeerra sana hundumaa baqate.
Jara keenyaa nama fakkeenya namaa ta'u "Role Model" qabaachuun rakkoo hin qabu; garuu garagalchaa nama sanaa ta'uun garuu hin bareedu.
Luba Fikadu
Eeyyeen wanni ergisaa rakkisaa dha!
t.me/Youth4Christ1