ዛሬ 446 ቤቶችን ገንብተን ለአቅመ ደካሞች፣ ለሀገር ባለዉለታዎች እና ለተለያዩ ማህበራዊ ችግሮች ለተጋለጡ የከተማችን ነዋሪዎች አስተላልፈናል።
በከተማችን ከህዝብ በምንሰበስበው ገቢ ከምናከናውናቸው ታላላቅ የልማት ስራዎች ጎን ለጎን በጎ ፍቃደኛ ባለሀብቶችን እና የተለያዩ ተቋማትን በማስተባበር የአቅመ ደካሞችን ኑሮ የሚያሻሽሉ ሰዉ ተኮር ስራዎችን እየሰራን የምንገኝ ሲሆን፣ በተለይ የተገፉ እና የፍትሃዊ ተጠቃሚነት እድል ያጡ የህብረተሰብ ክፍሎች እምባ ሲታበስ ማየት ደስታን ይሰጠናል።
ዛሬ ካስረከብናቸዉ 446 ቤቶች ዉስጥ በቦሌ ክፍለ ከተማ ጎላጎል አካባቢ የሚገኙትን ቤቶች ግንባታ ያገዙን የገቢዎች ሚኒስቴርን፣ የጉምሩክ ኮሚሽንን እና የአዲስ አበባ ውሃና ፍሳሽ ባለስልጣንን እንዲሁም ሌሎች በጎ ፈቃደኛ ባለሃብቶች እና ተቋማትን በራሴ እና በነዋሪዎቻችን ስም ላመሰግናቸው እወዳለሁ።
ፈጣሪ ኢትዮጵያን እና ህዝቦቿን ይባርክ
Har'a manneen 446 ijaarree harka qalleeyyiif, namoota oolmaa biyyarraa qabaniif fi jiraattota keenya rakkoolee hawaasaa garaagaraatiif saaxilamaniif dabarsineerra.
Magaalaa keenyatti galii uummata irraa sassaabnuun hojiiwwaan misooma rawwaannuun cinaatti abbootii qabeenyaa hayyamamoo fi dhaabbilee adda addaa qindeessuun hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan, jireenya harka qalleeyyii fooyyessan hojjechuu irratti kan argamnu yemmuu ta'uu, keessattuu kutaa hawaasaa dhiibamanii fi carraa fayyadama haqa qabeessaa dhaban yeroo imimmaan irraa haqamu arguun gammachuu nuuf keena.
Manneen har'a eebbisne 446 keessaa ijaarsa manneen kutaa magaalaa Boolee nannawa golaagolitti argamanii kan nu gargaaran Ministeera Galiiwwanii, Komishinii Gumruukaa fi Abbaa Taayitaa bishaanii fi dhangala'oo magaalaa Finfinnee akkasumas tola ooltota abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee biroos maqaa koo fi jiraattota keenyaatiin galateeffachuun barbaada.
Waaqni Itoophiyaa fi Uummata Ishee Yaa Eebbisu
@adanechabiebie