Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa yeroo dhiyootti hojjettoota dhaabbilee misoomaa mootummaaf karaa appii CBE Birr Plus liqii kennuu akka eegalu beeksise.
*****************************
Ji'a Tajaajila Maamiltootaa sababeeffachuun, Baankiin Daldalaa Itoophiyaa hooggantoota dhaabbilee misoomaa mootummaa waliin kaleessa mari’ate.
Pirezidaantiin Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Abbee Saanoo, Baankiin maallaqa qusannoon ummata irraa walitti qabu of eeggannoodhaan, misooma biyyaatiif oolchaa jira jedhan.
Waliin gahiinsa faayinaansii dabaluufis, tooftaawwan liqii adda addaa mijeessaa akka jirus ibsan.
Karaa CBE Birr Plus hojjettoota dhaabbilee misoomaa mootummaa mindaa isaanii irratti hundaa’uun liqii xixiqqaa akka argataniif, qophiin xumuramuu beeksisan.
Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa kenniinsa liqii isaa qaamolee hawaasaa biroof, dhaabbilee misooma mootummaatiin alatti, caalaatti dhaqqabamaa taasisuuf hojjechaa jira.