Baankii Daldalaa Itoophiyaatti CBE NOOR ji'a sooma Ramadaanaa 1446ffaa sababeeffachuun, harka qalleeyyii magaalaa Shaashamanneef, maaddii qoode.
***
Namoota rakkatan 150 bulchiinsi magaalichaa adda baaseef, tokkoon tokkoo isaaniif ruuzii kiiloo 25, daakuu kiiloo 10, fi zayitiin abbaan leetira 5 kennameefi jira.
Daariktarri distiriiktii Shaashamannee obbo Dawaanoo Huseen, ji’a Ramadaanaa keessa nyaata waliif qooduun, hawaasa Musiliimaaf, tumsa qabnu agarsiisuuf kan raawwatame yoo ta’u, itti gaafatamummaa hawaasummaa baankichaas ta’uu ibsan.
Sagantaa kana irratti kan argaman itti aanaan kantiibaa magaalaa Shaashamannee obbo Awwal Hasan, Deeggarsa baankichi taasiseef galateeffatan.
Namoonnis deeggarsa baankichi taasiseefitti gammachuu guddaa qabachuu ibsaniiru.
Baankiin keenya ji'a Ramadaanaa waliin wal-qabatee sagantaa maaddii qooduu iddoo adda addaatti raawwachaa akka jiru ni beekama.