Sirni Gadaa marii hayyootaan gabbatee dhaloota dhaalchifamuu qaba
***********
Sirni Gadaa marii hayyootaatiin gabbatee dhaloota dhaalchifamuu akka qabu eerame.
Sirna wal harkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa 72ffaa sababeeffachuun mariin paanaalii Yuunvesiitii Booranaatti qophaahe taa'amaa jira.
Marii fi qorannoon hayyootaa, siyaasa, dinagdee fi hawaasummaa biyyaa jabeessuu keessatti ol'aanaa ta'uun waltajjicha irratti himameera.
Waltajji marii kanarratti hoggantoonni mootummaa naannoo Oromiyaa, hayyoonni, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi qaamoleen dhimmi ilaallu hirmaachaa jiraachuu, odeeffannoon Biiroo Koomunikeeshinii Oromiyaatii argame ni mul'isa.