Finnaaf
Kanaan dura Tele Tv'n yemmuu hojii jalqabu, "Fiilmiin Afaan Oromoo jalqaba platform kana irra koruun seenaa hojjatu kami laata?" gaaffii jedhu kaaseen ture. Kunooti deebiina isaa Finnaaf ta'eera. Finnaaf Fiilmii Biqilaa Asfaaw yemmuu ta'u, hojii isaa Miixuu jedhutti aansee Fiilmii biraa fudhatama guddaa argateefidha.
Fiilmiin kunis guyyaa har'aa Platform Tele Tv irratti fe'amee hawaasa bira ga'uuf walii galtee isaa dhaabbaticha faana Hoteela Goolden Tuulippitti mallatteeffameera. Fiilmii Finnaaf guyyaa har'aa Tele Tv irratti kan lakkifamu yemmuu ta'u hundumti keessanuu daawwachuun Fiilmota biroo dudduuban dhufaniifis hamilee akka taatan kabajaanan sin affeera. Tarkaanfiin kun ogeessota Fiilmii Afaan Oromoof dammaqiinsa guddaa Uuma jedheen amana.
Fiilmiin Finnaaf akkuma beekamu badhaasota gara garaa kan argate yemmuu ta'u Guma Award irratti Taatoo Abdiin irra kaa'ameen Biruk Girma, Odaa Award irratti ammoo badhaasa Fiilmii cimaa injifachuun isaa ni yaadatama.
#TeleTv
#Finnaaf
@Fiilmiin