#AMAJJII_TOKKO_GUYYAA_ADDAA
Guyyaa Addaa Amajji 1
Guyyaa Elemoo Qilxuu
Qabsoo hidhannoo labse,
Guyyaa Ziyaad Baarree
WBOn moo'ichaan cabse,
Guyyaa ummanni Oromoo
Diddaa garbummaaf ka'e,
Guyyaa rasaasni WBO
Tokko jedhee dhuka'e,
Guyyaa gaddaaf yaadannoo
Guyyaa irbuu Shinniigaa
Lubbuu Aarsaa godhanii
Nuuf dhangalaasan dhiiga,
Guyyoota kabajamoo
Oromoon qabu keessaa,
Amajji gaafa tokkoo
Galmee seenarra teessa!
Guyyaa Magarsaa Barii
Guyyaa Gadaa Gammadoo
Nuti Oromoodha jedhan,
Guyyaa shiftaan Sumaaleef
Loltootni Ziyaad Baarree
Amantiin qooduu fedhan,
Guyyaa Muhee Abdoo
Guyyaa Abboomaa Mitikkuu
Lagaan wal qooduu didan,
Guyyaa Yiggazuu Bantii
Guyyaa Falmataa Sabaa
Dhiigaan tokkummaa fidan,
Gaafa Faafam Dooyyoo
Gaafa Irra-Aanaa Qacalee
Oromoo ta'uu labsan,
Gaafa Marii Galaan
Gaafa Dhaddachoo Boruu
Siyaasa amantii cabsan,
Guyyaa Dhaddachoo Mullataa
Guyyaa Jireenyaa Ayyaanaa
Seenaa isaanii yaadannu,
Guyyaa gumaa Eebbisaaf
Gumaa Usmaayyoo Muusaa
Baasuuf WBO abdannu,
Guyyaa Nadhii Gammadaaf
Guyyaa Laggasaa Wagiif
Dungoo qabsiifnee teenyu,
Guyyaa gootota qaaliif
WBO wareegamaniif
Siidaa yaadannoo keenyu,
Guyyaan kun guyyaa caalti
Guyyaa mullataaf abdii,
Warra beeku biratti
Dhuguma seenaa qabdi!
EGAA....
Guyyaa Addaa Amajji 1
Guyyaa Elemoo Qilxuu
Qabsoo hidhannoo labse,
Guyyaa Ziyaad Baarree
WBOn moo'ichaan cabse,
Guyyaa ummanni Oromoo
Diddaa garbummaaf ka'e,
Guyyaa rasaasni WBO
Tokko jedhee dhuka'e,
Guyyaa gaddaaf yaadannoo
Guyyaa irbuu Shinniigaa
Lubbuu Aarsaa godhanii
Nuuf dhangalaasan dhiiga,
Guyyoota kabajamoo
Oromoon qabu keessaa,
Amajji gaafa tokkoo
Galmee seenarra teessa!
Guyyaa Magarsaa Barii
Guyyaa Gadaa Gammadoo
Nuti Oromoodha jedhan,
Guyyaa shiftaan Sumaaleef
Loltootni Ziyaad Baarree
Amantiin qooduu fedhan,
Guyyaa Muhee Abdoo
Guyyaa Abboomaa Mitikkuu
Lagaan wal qooduu didan,
Guyyaa Yiggazuu Bantii
Guyyaa Falmataa Sabaa
Dhiigaan tokkummaa fidan,
Gaafa Faafam Dooyyoo
Gaafa Irra-Aanaa Qacalee
Oromoo ta'uu labsan,
Gaafa Marii Galaan
Gaafa Dhaddachoo Boruu
Siyaasa amantii cabsan,
Guyyaa Dhaddachoo Mullataa
Guyyaa Jireenyaa Ayyaanaa
Seenaa isaanii yaadannu,
Guyyaa gumaa Eebbisaaf
Gumaa Usmaayyoo Muusaa
Baasuuf WBO abdannu,
Guyyaa Nadhii Gammadaaf
Guyyaa Laggasaa Wagiif
Dungoo qabsiifnee teenyu,
Guyyaa gootota qaaliif
WBO wareegamaniif
Siidaa yaadannoo keenyu,
Guyyaan kun guyyaa caalti
Guyyaa mullataaf abdii,
Warra beeku biratti
Dhuguma seenaa qabdi!
EGAA....