📂 Barumsa Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa
✍️ #Kutaa - 11ffaa
VI. Gooftaan Nuuf Dhufa moo Nutti Dhufa? (Luq. 12:42-46)
Mallattoon deebi’ee dhufaatii gooftaa keenyaa Yesus Kiristoos bifa hedduutiin dubbatamee jira. Dhufaatii isaa kana namni hundinuu arguuf yoo eeggate iyyuu, haala jireenyaa kam keessatti illee warri qophaa’an qofti ol fudhatamu. Kanaaf:
A. Barri dhufaatii gooftaa keenyaa bara maalitti fakkeeffama? Seenaa keessatti:
1. Iddoo hundatti al tokko mul’achuudhaan dhufa. (Luq. 17:23-24) Inni “As jira” yookiin “Achi jira” jechuudhaan hin dhufu. Iddoodhuma namni jirutti mul’achuudhaan dhufa.
2. Amala bara Nohii fi Loox fakkaata (Luq. 17:26-30)
a) Bara Nohi: Nohi Addaam irraa dhaloota kurnaffaa ture. Baras haalli jireenya namootaa nyaachuu fi dhuguu, fuudhuu fi heerumuu (filannaa gadhee keessatti). Kun amala albaadhummaa fi sagaagalummaatiin gaa’elli qulqullaa’aan manca’uu isaa mul’isa. (Um. 6:4-8). Jireenya gad-dhiisiitiin wal jibbi, mukaa’uu, walnuffuu, of qofa jaallachuu, kan biraa hawwuu, kajeellaa fi hawwa ejjaatiin guutamuu yookiin muddamuu fi kan kana fakkaatan irratti argina. Waaqayyo itti dhufee namoonni bishaan badiisaatiin balleefaman. Haalli walfakkaatu har’a hin mul'atu laataa?
b) Bara Loox: Abrahaam waliin deemuuf jecha kan biyya isaa dhiisee ba’e Loox magaalaa Sodoomitti gale. Cubbuun
hawaasa sanaas Waaqayyo duratti heddummatee ture. Amalichis isa kan bara Nohi mara dabalatee bituu fi gurguruu, biqiltuu dhaabuu fi mandaraa ijaaruu, bara misoomnii fi dinagdeen nama ko’oomsu “BUSY” bira ga’ee ture. Kana malees bara “dhiirri dhiira, dubartiin dubartii wajjin gadhaa’anitti” (gay, lesbians & bisexual) -> (gadi fageenyaan ilaalla) bara cubbuun sadarkaa guddinaa dabalate jechuudha. Kun immoo bara abbaan intala isaa fuudhu yookiin intalli abbaa isheetti heerumuu hin qaanofne ture. Kanaaf Waaqayyo olii itti dhufee erga ilaalee booda ibidda ol irraa dhufeen isaan barbadeesse.
c) Egaa bara Ilma namaas (Yesus) akkanuma in ta’a: Har’a bara keenya amaloonni akkanaa mul’achaa hin jiran kan jedhu yoo jiraate haala keessa jiru kan wallaale qofadha. Garuu amma kana irra darbee iyyuu abbaan intala isaa, haati ilma ishee, obboleessi obboleettii isaa, horii waliin qunnamtii raawwachuu, fakkii/pornography/, ofii isaa qaama isaa/isheetiin taphachuu fi kan kana fakkaatan caqasuun dhoksaa waltajjii irraati.
Badiin ulfa baasuu, walhiikkaan, gaa’ela umurii malee, dhiira/durba/gudeeduu fi yakkoonni hedduun lakkoofsaa ol ta’an naannoo keenyatti argamaa jiru. (Ragaaf immoo miidiyaalee hordofuudha). Ragaan amma ifoomse tokko biyyi keenya CSE (Comprehensive Sexual Education) kan jedhamu hojii irra oolchuuf mootummoota gamtoomanii waliin Uro. miiliyoon 11 oliin waliif galtee akka mallatteessite dhaga’amee karaa waldaa akka mormamuuf yaalamaa jira. CSE jechuun dhimma saal-qunnamtii armaan olii mara bifa icciitiitiin curriculum barnootaa keessatti akka dabalamuu fi ijoolleen akka baratan ture. Kun ergaa Aice Bailey kurnan keessa bara 1948 mootummoota gamtooman ajajjee duute sana hojii irra oolchuu ture.
Egaa yaa obboloota koo, jireenya akkamii keessa akka jirru osoo of ilaallee/madaallee, gooftaan lammaffaa deebi'ee ni dhufa. Garuu nuuf dhufa moo nutti dhufa??? Osoo maal hojjennuu dhufa jettee yaaddee beektaa? Deebiin kan abbaati...
@Maaranaataa_Yesuus ➕