Ay Jaalala. Dhugumatti jaalalli waan tokkoof nuti qabnu humna guddaa nurratti qaba. Miiraa jaalalaa ulfaata san keessa teenyee muda waan jaalannee san arguu hin barbaannu. Osuma argines guutuu gooneet himna.
Kaleessa nama sirnicha kana deeggaru waliin osoo taa'uu innumti osoo fb keessa deemu Intala takka tan gadooddee boochu banee dhageeffata. Anis itti dhiyoo waan jiruuf nan dhaga'e. Intalli akkas jettee quuqaa ishii ibsatti. "Waggaa afur guutuu mana itti laffaanee ijaarre nurraa diiganii haadha koos hidhan. Haatii tiyya hidhaas baatee waan itti dhaadataniif gara Finfinnee imalte. Ijoollee lama daa'ima ta'antuu mana keessa jira. Namni isaan gargaaru hin jiru" jechuun booche. Baay'ee garaa na booressite. Namni ishii banee dhageeffate sun itti kolfee “dura maaf seera malee ijaarte?" jedhe. Jaalalli sirnichaaf qabnu akkas miira namummaa nurratti ajjeese jechuudhaa?
Eelaa mee yaa nama koo! Guyyaan har'aa kun bor hin deebi'u. Kaleessis darbeera as hin deebi'u. Sirnoonni kaleessaas achumaan dhaamaniiru. Sirni kunis bor ni darba. Ummanni rakkatuus bal'atuufis inuma jiraata. Ati garuu abbaa feete jaaladhu, yoo feetees deeggari. Garuu waan darbuuf jettee miira namummaa hin dhabin! Waan bor itti qaanoftu har'a miira jaalalaatiin hin raawwatin! Guyyaan kun darbee gaafni nama taanu ni dhufa Inshaa Allah! 💔😀