Arraabdota amantaa irraa kan hafe,sabni hundumtuu oduu durii isaan dubbatan ni amanu. Afoola Giriikotaa mormuudhaan ''Du'a booda jireenya jirus ta'e,waa'ee du'aa mirkaneeffannaa homaa hin qabani.Eenyuyyuu du'aa fi jireenya itti aanu ilaaluu hin deebine. Kanaafuu, du'ee hangan mirkaneeffadhutti hin amanu''jechuudhaan Sooqiraates ifaaf ifatti ejjennoo isaa agarsiise.
Waan hundumaaf iyyuu dhalachuu keessan dura rakkoo akkamii keessa turtan? Dhalachuu keessan dura waa'ee rakkoo fi dhiphina turee hin beektani.Sanabni isaa, yeroo sanatti hin jirtani'' Jechuudhaan kan dubbate sooqiraates du'a ilaalchisee, ilaalcha dhalachuu dura faana wal fakkeessee ture.
Warri amantaa hin qabne akka jedhanitti, namni tokko yeroo du'u jiraachuu dhaaba. Guutummaa guutuutti bada. Yoo badu immoo dararaa fi rakkinni isaa hundumtuu faana bada tilmaama jedhamu qaba.Ejjennoon Sooqiraates inni tokko isa kanaadha.Haala wal fakkaatuun amantaawwan akka jedhanitti ilmi namaa du'a booda jiraachuu yoo danda'eyyuu rakkoon akka hin jirre dubbatee ture sooqiraates.
Tilmaama du'a booda irra deebiidhaan jiraachuu yoo dandeenye,muuxannoo caalu waan argannuuf, rakkoo keenya bifa fooyya'een dandamanna tilmaama jedhu kaa'e.
Walumaagalatti,waa'ee du'aas waa'ee jireenya itti aanuu ilaalchi inni qabu madaalamaa ture.Afoola caalaa ofittan amana.Jireenya dandamachuu ergan danda'ee, du'a dandamachuu hin sodaadhu.Lamaanuu ilaaluu kiyya dura garuu, dubbachuus ta'e amanuus hin danda'u.
Du'a booda jireenyi yoo jiraate iyyuu,deebi'ee isiniif ibsuu hin danda'u,sababni isaa namni du'a irra deebi'e hin jiru.Akka carraa karaan deebi'an hin jiraatu ta'a.Du'aa fi jireenya bara baraa gidduu riqichi jiru erga isin ceesisee booda, diigamuu danda'a dubbiin sooqiraates onnee uummata ateensi keessatti sodaa uume.
Duraan nagaadhaan jiraachaa kan turan erga dubbii isaa dhaga'aanii nooda dhiphachuu eegalan. Hojii isaaniis haalaan adeemsisuu dadhaban. Baayyeen keessan barootaaf sobdootaan dulloomtaniittu.Hedduun gaarummaa fi gammachuu sobaa isinitti gurguraniiru, jechuudhaan dubbachuu itti fufe.Dhugumayyuu jireenyi dharaa,milkaa'inaaf tasgabbii fooyya'aa qaba.
Dhugaan qixa kanaan hin mijatu.Keessumatti,jireenya dhugaa gara jalqabaa fudhachuun ulfaataadha. Xumurri isaa garuu miidhagaa ta'a.Yoo xummurrummoo, sobni jalqaba miyaawaa yoo ta'eyyuu,dhumarra hadhaawaa ta'a. Dhugaan immoo faallaadhuma kanaa jalqaba hadhaawaa yoo ta'e xumura isaatti miyaawaa ta'a.
Xumura isaa argachuudhaaf obsa barbaachisa.Ariifataa yoo taatan soba bituudhaaf murteessitu.Uummanni nuti baayyolii jennuun sammuu bilisaa kan mataa isaanii hin qabani.Barootaaf namoota kaaniin gowwomfamaa fi bocni yaadaa kennamaafii jiraataniiru.Kanaaf namni akka kiyya yeroo dubbatan dhaga'uudhaaf fedha hin qaban.
Waan ani dubbadhu hubachuudhaafis ta'e fudhachuudhaaf humna hin qabani. Sababni isaa ilaalcha barootaaf rigameef dhugaan hadhooftuu taati.Kanaafiidha muraasonni qofti taatee kana gidduudhaa dhugaa barbaacha imaluudhaaf kan kutatan.
Baayyeen dhugaa fudhachuudhaaf guyyaa murteessaan hundumtuu ni ifaaf Barootaaf kan itti amanaa turan yaadonni kanneen akka waaqa, moloksoota, masiiwwan, ergamoota, seexana gaahanam ta'e si'ool hiika dhabeeyyii itti ta'a.
Namoonni kunii fi barsiifni isaanii,isiniif dhugaa gidduutti keenyaan ijaarameedha.Ta'ee osoo jiruu keenyan sana kaasuun ulfaataa ta'a.Kiristiyaanonni salphaatti kiristoosiin ganuu hin danda'an.Iyyesuus dhugaa caalu itti hime yihuudonni duraaniillee musee isa jalqabaa dhiisanii iyyesuus hordofuuf humna hin qaban turan.
Kanaafiidha kiritiyaanonni bara keenyaa salphaatti kan iyyesuus wajjin wal gadhiisuu hin dandeenyeef. Taattaaffiin kiyya keenyaan naannoo keessanitti ijaarame diiguun isin gargaaruu qofaadha.Sana diigdanii,bakka bu'aa isaa keenyaan biraa akka ijaartan hin fedhu,qophaa keessan dhaabattanii,rakkina akka ilaaltan malee!!!