Waa’ee Yesus Kristoos – Dhalachuu fi Guddina Isaa
Waaqayyo jalqabatti Samii fi lafa, itti aansuunis ifa, dukkana, bishaanota, bineensotaa, simbirroota fi wanta lafarra jiran hunda erga uumee booda namas immoo in uume. Uumama kana hundumaa keessaa namni akka bifaa fi fakkaattii Waaqayyootti uumame. Kunis immoo waanuma uumame hundumaa irratti ol-aantummaa akka qabaatuuf ta’e. Ergasii Waaqayyo waanuma hojjete hundumaa ilaale, innis baayyee gaarii akka ture dhugaa bahuun uumuu isaa raawwate.
Kana booda garuu taateen seera uumamaa isa jalqabaa jeequ tokko uumame. Namichi inni jalqabaa uumama hundumaa irratti akka bituuf aboon kennameef sun akka bitu kan isa dandeessise abboommii tokkicha Waaqayyo isaaf kenne hojiirra oolchuu ture. Inni garuu seexanaan gowwoomfamee abboommii sana cabsuun Waaqayyoon gaddisiise, ilmi namaas cubbuu isa jalqabaa hojjete, gatiin cubbuus du’a waan ta’eef du’i ni dhalate. Abboomamuu diduunis uumaaf uumama walitti buuse, namnis aboo ittiin uumama bitaa ture sana of harkaa baase.
Amma Waaqayyoo fi namichi, dhaloonni isa booda jiranis sababa sanaa namicha jalqabaa wajjin ta’uun Waaqayyotti diinomaniiru. Cubbuun erga namarratti mo’ee, duutis isumaa wajjin dhala namaa hundarratti aboo argate.
Egaa eenyutu dhala namaa dhukkuba “cubbuu” jedhamu kana irraa qulleessa gaaffii jedhuuf deebiin takkaa osoo hin argamiin baroonni kumaatamni lakkaa’amanii turan. Waaqayyo inni waan hundumaa beeku garuu namichi akka yakku dursee waan beekuuf akkamiin akka namicha deebisee fayyisus dursee qopheessee ture. Karichis Waaqayyo nama yakka hin qabne, qajeelaa kan ta’e tokko akka qoricha cubbuu ta’ee dhaabatuuf ergee gatii cubbuu hunda isa kaffalchiisee; isa irraa akka haaraatti namoonni qajeelonni akka dhalatan gochuu ture (1 Qorontos 15:47).
Dhalachuu Yesus
Waaqayyo uumaan namni inni jalqabaa abboomamuu dhiisuun erga diinome booda nama lammaffaa kan qulqulluu fi qajeelaa ta’e qopheessuun isa irraa akka haaraatti namoota qajeelota ta’an baayyisuun yaada isaa ture. Namichi lammaffaa kunis Yesus jedhama. Yesus kun akka namicha isa jalqabaa biyyoo lafaa irraa kan uumame otuu hin ta’iin ofii isaatii iyyuu afuura isa namaaf jireenya kennu dha. Inni kun maddi isaas lafa irraa otuu hin ta’iin Waaqa irraati (1 Qorotos 15:45 fi 47). Garuu kan inni mul’ifamu namatti dhalachuun waan ta’eef barri Waaqayyo mure kun gahee namni inni qulqulluun sanyii namaa haaraa ta’u dhalachuun abdii tokkicha nama isa Waaqayyo irraa fagaatee ture ti.
Yesus namoota addunyaa kana irratti dhalatanii turan keessaa baayyee falmisiisaa fi waggoota kuma lamaan darbaniif akka mata-duree ta’eetti jiru dha. Wantonni baayyees dhalachuu isaa irraa kan ka’e jijjiiramaniiru. Eenyummaa namni Waaqa uumaa isaa duratti qabu, beekumsa eenyummaa namni Uumaa isaa Waaqayyoof qabu fi haalli lakkoofsa waggootaa illee jijjiiramuun fakkeenya muraasa. Sababa kanaaf dhaloonni Yesus barootaan dura iyyuu saba inni keessatti dhalatetti afaan raajota garaa garaan dubbatamee waan tureef abdiidhaan eegamaa ture. Akkasitti guyyaa tokko ergamaan Waaqayyoo Gabri’el kan jedhamu Waaqayyo biraa gara intala durbaa kaadhimamtee; biyya israa’el keessaa kutaa biyyaa Galiilaa mandara Naazireet jiraattuutti ergame. Ergamichis “Yaa Maariyaam, Waaqayyo biraa ayyaana argatteetta hin sodaatin! Kunoo, in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi! Inni guddaa in ta’a ilma aabbaas jedhamee in waamama, Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf. Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo’a, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu.” Jedhe (Luq 1: 30-33). Akkuma kanaatti dubbiin raajii sun raawwatamee, wan ta’ee hin beekne akka milikkitaatti ta’uun durbi durbummaamaan otuu jirtuu in ulfoofte, yeroon ishee yeroo gahes ilma in deesse. Gaaffiin durbi akkamiin ulfoofti? Jedhu yaadatti si dhufeera? Eeyyee durbeen Maariyaam illee yeroo sagalee ergamichaa dhageesse gaaffiima kana gaafattee turte. “Anoo amma illee durba, kun attamitti ta’uu danda’a?” jettee ergamicha gaafatte ( Luq 1: 34).