Shamarran gaa'ela hin dhaabbatin maraaf!
==================
A. Dubarri umuriin ishee 18-24 dhiirota dhugaatti gaa'elaaf barbaadan hawwatti. Garuu isheen:
* Heerumni gubachuu dha.
* Ani ijoollee dha.
* Yooman bashannanee quufe kkf... yaada jedhu deebisti.
√Yeroo kanatti dhiirota hedduudhaan filatamti waan ta'eef, gaafatamuu fi dhiirota boca qaamaa fi afaan ho'an jijijjiiruun yeroon ishee jalaa dhiphata (biizii taati). Malee dhiira gaa'elaaf dheebotee ishee barbaaduuf gurra hin laattu.
B. Shamarran umuriin 25-27 ammoo,warri ishee gaaffii gaafachuu jalqabu.
* 'Hanga ammaa jaalallee hin argannee?
* Umuriinkee deemaa jiraam.
* Hiriyyoonni kee hedduun heerumaniirum'...kkf.. jedhu.
√ Isheenis of gaafachuu jalqabdi:
- 'Ani dhuguma umuriinkoo deemeeyii?
- Hiriyaankoo sun gaa'elaaf qophiidhaa?
- Maal gochuun qaba?
- Yaaduu, yaadda'uu, guungumuu...
C. Umurii 27-30tti
* Dhiira wajjin gammaduuf osoo hin taane, gaa'elaaf qofa barbaaduu jalqabdi.
* Gaa'ela ... gaa'ela... Sanumatu gurra irraatii iyya.
√ Gaa'ela dhaabbachuuf lafti itti dhi'uu baatus, bakka kanatti waan nama gaddisiisu carraan gaa'elaaf gaafatamuu ishee haphachaa dhufa.
D. Umurii 30-35tti
* Hiriyyoonni ishee duraanii maaliif hin heerumnee ittiin jechuu jalqabu.
* Isheenis, situ jireenyakoo naaf murteessa moo? Ati Waaqayyoo dha moo?' Deebii jedhu, aariidhaan laatti.
* Heerumuu dhiisuun yakkaa? Isa jedhus itti dabalti.
* Hamilee cabuu jalqabdi.
* Abbaa manaa argachuuf amantii isheetti jajjabaatti.
* Dubbiin filannoo hafee, dhiirrumti haa argamuu qofa taati.
* Umurii kanatti dhiirri ishee fuudhuuf itti dhiyaatus, kan waggaa 45tti baayyata. Namni akkanaa ammoo, nama gaa'ela dhaabbatee diige, kan ijoollee qabu, yookaan araada qabu ta'uullee mala.
CUUNFAA YAADA KOO:
* Dhiirri sanyii facaasa. Dubarri ammoo, maasaa irra facaafamtuu dha. Sanyiin yeroo hundaa qophaa'aa ta'us, maasaan yeroo qaba.
* Dubaraaf umuriin murteessaadha. Yeroo kee hin gubin, bor gaabbiin of hin gubin.
* Waaqayyo waan hundaa yeroon daangessee kaa'e. Yeroo sanatti fayyadamuun barbaachisaa dha. Kadhannaan waan hundaaf deebii hin laatu. Waan Waaqayyo yeroo kaa'eef itti fayyadamuu dhiisuun kadhannaatti jooruuniyyuu Waaqa jeequu dha.
* Umurii keessanitti fayyadamaa.
* Beellama gaa'elaa waggaa dheeraa kaadhimaa keessan wajjin qabachuun, umurii keessan of jalaa hin gubinaa.
DABALATA: Yaadni ani kaase kun, hadhooftuu taatus, dhugaa dhibbentaa 75 raawwatamuu dha.
* Warri umuriin koo guddaadhaa yaaddoftanis, jiruu keessan irratti sona dabaluun, gaa'ela keessan milkeeffadhaa! Fakkeenyaaf: amala toluu, kaayyoo ofiitti cichuu fi, ofitti amanamummaa qabaachuuni.