1867
MUL'ATA JAARAA MOO MUL’ATA JAAMAA?
================
Mul’ata jaarraa/jaaraa moo mul’ata jaamaa qabda? Mul’ata jaarraa fi mul’ata jaaraa qabaadhu! Yaada gurguddaa fi mul'ata barootaa qabaadhu malee, mul'ata harrootaa hin qabaatin! Namootni waan akka lakkoofsa guutuuf dhalataniitti yaadan addunyaa kanatti kisaaraa guddaa fidu. "Ani namumatu dhalataafin dhaladhe utuu hin taane dhalachuun waan ana irra jiruufan dhaladhe." jettee ofitti boontee beektaa? Yoos ati addunyaa kanaaf irra-buusee (bonus) utuu hin taane nama barbaachisaa waan barbaachisaa addunyaa kanatti dabaluuf dhalatee dha. Nuyi utuuma hin dhalatin dura akeeka Waaqayyoo keessa turre; yeroon isaa geenyaan immoo gara biyya lafaa kanatti as baane. Kana jechuun akeekaan akeekaaf akeekamnee, akeeka akeekamneef akeekkachiifamnee, akeekkataa akeekatti adeemaa jirra. Kanaaf nuyi namoota kaayyoon machaa’anidha malee namoota faayidaan machaa’an miti. Utuun kana yaaduu isa Albert Anistaayin "Mul'ata akka nama maraatee si godhu hin qabdu yoo ta'e, nama guddaa ta'uu hin dandeessu" jedhe yaadadheen baannadhe.
Barnoota guddaa dhabuu keetiif hin dhiphatin; garuu yaada guddaa fi mul'ata guddaa hin qabdu taanaan dhuguma jiraatti duuteetta. Namoota abjuu dhugoomuu fi mul'ata ce'ee ceesisu hin qabne sirna awwaalchaa geggeessuufii qofatu isaan hafata. Namichatu, dubartii baay'ee dheertuu tokko argee, "Obboleettii qalbiin keessan hamma hojjaa keessanii hin ga'u" jedheen. Namootni baay'een bifaan lookoodha malee sammuun cookkoo dha. Garaacha coomaa fi qalbii coomaan akka ardii fi samii wal irraa fagaatu. Sababni isaa murtoon mul'ata wajjin malee garaa wajjin hidhata hin qabu. Mana warra 'Gurra ni urra' jedhuu bira kan shamarranii achii hafee lakkoofsi warra dhiirotaa illee dabalaa akka jiru dubbatama. Garuu sammuun beekumsa, ogummaa, ilaalchaa fi mul'ata sirrii fudhachuuf male immoo duudaa dha. Ilaamee boolla warqeen keessaa lommoxamu 'sammuu' beekumsaa fi ogummaan uruu/banuun warqee keessaa baasuu moo gurra uruutu dursuu qaba ture? Abbaan mul’ataa hojii dursi kennamuuf addaan baasee waan beekuuf eessaa jalqabee eessatti akka xumuru isa hin dhibu.
Beekamtii guddaa qabaachuun beekumsa qabaachuu hin jechisiisu. Ragaa barnootaa xiqqaa qabaachuunis itti waamama nama tokkoo bowwaatti gad hin dhidhiibu. Namni tokko nama barate jedhamuuf dirqama kolleejii ykn yuniversitii seenee gosa barnootaa tokkoon sadarkaa olaanaa irra ga’uu hin qabu. Namootni hin milkoofne warreen ‘Mana barumsaa malee barumsi hin jiru’ jedhanii yaadanii dha. Garuu beekumsa qabatamaan jireenya irraa argannetu kan mana barumsaatti yaadaan baranne caalaa fuulduratti nu tarkaanfachiisa. Gama biraatiin immoo namoonni waan kolleejii-yuniversitii irraa eebbifamaniif akka waan barnoota fixaniitti yaadanis sarara diimaa irra jiru. Biyya Chaayinaa har'a dinagdee fi teeknooloojiidhaan gara fiixeetti ba'aa jirtu kana kan bu'uureesse barsiisaa Maa'oo Zedoongee kan waraqaa barnootaa sertifikeeta (TTI) qabu ture. Inni ilaalcha injifataa fi mul'ata tarkaanfachiisaa waan qabuuf biyya ijaaramuuf abdii hin qabne irraa qayyoota hiyyummaa fi waaroo dukkanaa irraa tarsaase. Akka Peter Koyestebarum jedhetti mul'ata jechuun guddisanii yaaduu fi waan haaraa arguu dha.
An sadarkaa barnootaa guddaa qabaachuun gadheedha hin jenne; garuu waraqaa barnootaa guddaa qabaatanii akkuma durii lagatti handoodee tumanii ittiin dhiqachuu fi buqqee gojjolanii nyaachuutti deebi'uutu nama qaanessan jedhe malee. Namoota waan guddaan irraa eegamu utuu isaan akka daa'imaa awwaara daakanii agartanii hin beektanii? Addunyaa kanaaf lafee dugdaa kan ta'an warra ta'anii argamaniidha malee warra akka taatota diraamaa bakka sagalitti fafakkeessan miti. Warra bakka banaa argatanii hojiitti qacaraman utuu hin taane warra sammuu banaa (open mind) qabantu dhaloota warqee (golden generation) ijaaruu danda'a. Warri duumessa ilaalanii hedan sanyii facaasuu fi makaruu hin danda'an.
Namni yeroo hundumaa qilleensa gaarii eeggatu sanyii facaasuu hin danda'u; namni yeroo hundumaa gara duumessaa ilaalus midhaan isaa makarachuu hin danda'u. (Lal 11:4)