Kan beekuu qabdan biyyi keenya nama waraqaa ragaa barnootaa gurguddaa qabu dhabde utuu hin taane, nama mul'ata guddaa qabu dhabde. Raajota, lubootaa fi tajaajiltoota kennaa gurguddaan tajaajilanii garuu abbaa kennichaa wajjin hariiroo gaarii hin qabne dhabne utuu hin taane, raajotaa fi geggeessitoota dhugaa akka Musee, Iyaasuu, Saamu'el, Eliyaas, Elsaa'i fi kanneen akka ergamoota Gooftaa sana warra garaa huuqqisee mul'ata furdise dhabne. Namoota suufii gegeeddaratu dhabne osoo hin taane warra safuu Waaqayyoo fi safuu hawaasaa eegee deddeebi'utu nutti hir'ate. Kan hiikni barootaa harka jiru warra uffataa fi kophee birraandii fayyadaman utuu hin taane warra sammuu biraandii—yaada Kristos warra qabanii dha. Warra sammuu gooxiin yaadee qooxii yaabe utuu hin taane, warra sammuu mootiin yaadee lootii diratetu dirree taphaan ala ta'ee jira. Namoota bishaan 'highland' waltajjii irra kaa'atanii unataa dubbii borcan utuu hin taane, warra ilaalcha lafa ol ka'aa (highland) irra nama dhaabu qabantu yarate. Kan nu barbaadnu nama dibataa ture; garuu dhaloota hirkataatu mana guute. Mul’ata ce’ee ceesisu haa qabaannu!