Na Keessa kaa'i
"Afaan qofaan sin jaaladhaan kuni maalinnii? Dhuguma yoo na jaalatta ta'e jaalala kee gochaan natti argisiisi. Yoo Afaanii hunduu jaalataadha bar! Jaalalli kunuunsa barbaada. Jaalalli galchanii baasuu baayyata. Maaliif yeroo hundaa afaan banaa na bulchita? Darbee darbee yoo dandeesse ammoo guyyaa guyyaan na keessa kaa'i malee. 😍 Ati garuu erga na argattee kaastee garagalteellee na ilaaltee hin beektu. Baayyeen gadda dhugaa. Yoo rabbiin sodaatteef miindaa ji'a kanaa irraallee qarshii 100s ta'u 50 na keessa kaa'i" Naan jedhe Akkaawuntiin baankii wayii waggaa dura daandii irratti banadhe tokko! Ajaa'iba haala kanaan Akkaawuntiiwwan daandii irratti dirqiin na bansiisan martuu kadhaa na keessa kaa'itiin maraataniirukaa!
@Qoosa430