Ogeessa fi Irsaasii
Yeroo tokko ogeessi Irsaasii erga hojjateen booda,osoo hin gurgurin dura gorsa bareedaa 5 kenneef.
1) Heeyyamamtuu ta'i.
Akka si qabataniif heeyyami
Kan si qabatu ati barruu kee lafa keessee akka deemtuuf si gargaara waan ta'eef.
Baruumsa
Jireenya keenya keessatti,waa barachuuf,milkaa'uuf,namaaf ajajamuuf heyyamamaa ta'uu qabna.
2)Qoruumsa hin jibbin
Qoruumsa malaan keessa darbi,qorama bu'aatti jijjiiri
Yemmuu qaramtu(bocamtu) dhukkubbiin sitti dhagahamuu mala. Kun immoo dandeettii kee si keessa jiru sana baasa.
Baruumsa
Qoruumsi qoraasuma,si urgeessa.
Qoruums booddee eenyummaa haarawa qabaatta.
Rakkinni hin darbine hin jiru.
3) Dogongora kee irraa baradhu
Dogongora hojjachuu malta,isammoo laaphisii keetiin sirreeffadhu,irraa barachaa deemi.
Baruumsa
Dogongora yoo hojjatte dafii sirreeffadhu.
Nama miitus,miidhamtus dhiifama gaafadhu. Dhiifamni kan warra qaruuxeti.
4) Yoomillee abdii hin kutin
Jireenya kee keessatti wanti abdii si kutachiisu jiraachuu mala.
Miidhamtus,bakka lamatti cabdus irra deebi'i qarami.
Kara lamaan qara baastee isa duraa caalayyuu hojjatta waan ta'eef
Baruumsa
Haalonni adda addaa nu jeequu danda'u. Haala dhufaa darbaadha raafamuu hin qabdu. Jireenyi bu'aa cehii hin qabne akka hin mi'oofne beeki.
5)Kennaa kee guddaan keesaa kee jira
Dandeetti fi kennaan kee inni guddaan si keessa jira. Isa sanammoo ati beekuu qabda. Isa si keessa jiru hin beekne taanan namoonni akka qoraanii si bobeeffachuu malu.
Kanaafuu barbaaddamtuu akka taatuuf kennaa sana baasii itti fayyadami.
Baruumsa
Dandeettiin uuman kee siif kenne keessa kee jira.
Haalota mijataa fi nama biroo eegda taanan nyaatamtee jirta.
Kan ati abdachuu qabdu Uumaa keettii aansee dandeetti fi kennaa keessa kee jiruudha.
Anis har'a gorsa Ogeessi Irsaasii gorse kana siif kenneen jira.
Itti jiraadhu.
@thought_power_369