TIKVAH AFAAN OROMOO


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Новости и СМИ


Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Новости и СМИ
Статистика
Фильтр публикаций


Dhorkaan konkolaattota fe'umsaa tajaajila waggaa 30 ol kennan irratti kaa'amee ture yeroodhaaf ka'uusaa Federeeshiniin Abbootii Qabeenyaa Tiraanspoortii Itoophiyaa beeksise.

​Pireezidantiin federeeshinichaa Obbo Birhaane Zarri'uu akka jedhanitti, dhorkaan knkolaattonni kun gara Jibutii akka hin seennee kaa'amee ture yeroof kan ka'eef federeeshinichi konkolaattota haaraa liqaadhaan galchuuf hojjechaa waan jiruufi jedheera.

​Itti dabaluudhaanis, konkolaattota umrii dheeraa tajaajilan qophii gahaa malee sirnaan ala gochuun sirrii akka hin taane ibsuun, raawwii murteesaatiif haalli mijataan akka uumu waamicha dhiyeessaniiru.

​Itoophiyaa keessatti konkolaattonni fe'umsaa tilmaamaan kuma 14 hanga kuma 15 ta'an akka jiran ibsameera.

#TikvahAfaanOromoo
Fulbaana 24, 2019
Finfinnee

@tikvahethafaanoromoo


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
​Irreechaa : Irreechii Hora Harsadee Magaalaa Bishooftuutti Haala Ho'aan Kabajameera.

​🌿 Sirni Irreeffannaa (galateeffannaa) Irreecha Hora Harsadee dursitoota Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqeen har'a ganama barii eagaleera.

​Hirmaattonni ayyaanichaas uffata aadaatiin faayyamanii sirna galateeffannaa fi tapha aadaatiin haala ho'aan kabajaniiru.

Ayyaanichi nagahaan xumurameera!

#TikvahAfaanOromoo
Fulbaana 24, 2019
Finfinnee

@tikvahethafaanoromoo


Tajaajilli Bilbilaa fi Inteeneetii deebi'eera!!

Tajaajilli bilbilaa fi intarneetii Naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti addaan citee ture guyyoota 10 booda har'a, fulbaana 24/2019 A.L.I sa'aatii 4:30 irraa eegalee deebi'uun tajaajila kennuu ealuu isaa jiraattotni magaalattii Tikvah Ethiopiaf beeksisaniiru.

#TikvahAfaanOromoo
Fulbaana 20, 2019
Finfinnee

@tikvahethafaanoromoo


Mana Sirreessaa (Hidhaa) Indoneeshiyaa Keessatti Manni Ajaaibaa "Mana Qanaani" Dureessota ta'e Argame

​Mana Sirreessaa Sibinong jedhamu kan Naannoo West Java Indoneeshiyaatti argamu keessatti hidhamtoota sooreyyii qofaaf kan qophaa'e manni jireenyaa dhoksaa ta'e argamuun beekameera.

​Bakki dinqisiisaa kun kan saaxilame daawwannaadhaan/sakatta'insa tasaa kan Dhaabbata Ombudsman biyyattii tiin taasifameen ta'uu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

Mooraa sana keessatti kutaa 10 ol akka viillaa, taawunhaawusii fi mana jireenyaa ammayyaatti tajaajilan kan argaman yoo ta'u, kutaaleen kunis meeshaa qillensa qabbaneessu (AC), Tiivii Pilaazmaa, firiijii fi meeshaalee mana keessaa qaaliidhaan kan guutamanidha.

​Kutaalee kana deebisanii kan dhuunfatan irra caalaatti aanga'oota duraanii yakka malaammaltummaatiin itti murtaa'ee hidhaman ta'uun isaanii beekameera.

​Kana malees, hidhamtoota kanaaf bakka bashannanaa kan ta'u leenjii jiimii (Gym) fi bidiruu bishaanii (swimming pool) kan ijaarame yoo ta'u, cinaa isaa immoo "golf simulator" ijaaramaa akka ture ibsame.

​Mana qananii kana cinaatti balballi hin cufamne kan argame yoo ta'u, kunis hidhamtoonni sarara sakatta'iinsa ijoo ta'e gowwoosuudhaan gara mana hidhaa sanaatti akka seenan fi akka bahan kan isaan dandeessisu ta'uun isaas irra gahameera.

#TikvahAfaanOromoo
Fulbaana 24, 2019
Finfinnee

@tikvahethafaanoromoo


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram


Suuraa ፦Sirna irreeffaannaa Irreechaa Hora Har-sadee bara 2019 #Irreechaa2019

Photo Credit - OBN & Oromia Communication

#AyyaanaGaari ! #HappyIrreechaa !

@tikvahethafaanoromoo


#irreechaHoraHarsadee

Abbootiin Gadaafi haadholiin siinqee faaruu '
Hoo Yaa Mareehoo... jedhu jechaa gara Malkaa Hora Harsadeetti imalaa jiru.

#TikvahAfaanOromoo
Fulbaana 24, 2019
Finfinnee

@tikvahethafaanoromoo


#NationsLeague #Ispoortii

​Ingliiz Garagarummaa Galchii Guddaan Injifatte!

​Ingilaand tapha Neeshins-Liigii Kirooshiyaa waliin taphatteen galchii 7 fi 0n bal'inaan injifachuu dandeesse jirti.

​Galchii Injifannoo kan galchan Haarii Keen (2x), Bukaayoo Saakaa (2x), Beeliingihaam, Goordanii fi Roojarsi dha.

​Juud Beeliingihaam tapha kana irratti galchii sadiif mijeessee kennuun (assist) akkasumas galchii tokko lakkoofsiisee jira.

​Haarii Keeen Garee Biyyaalessaa Ingilaandif galchii isaa 89ffaa galchuuf milkaa'eera.

​
Fulbaana 23, 2019
Finfinnee

@tikvahethafaanoromoo


Koongotti (Rippaablika Demokraatawaa Koongoo) keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii Iboolaatiin du'anii 4,018 ga'eera. Namoonni vaayirasichaan qabamanis 8,300 ga'uun isaanii eerameera.

​Rippaablikni Demokraatawa Koongoo erga vaayirasichi ka'uu isaa beeksisee Eebla 15, 2026 irraa eegalee tatamsa'iinsi vaayirasichaa miidhaa guddaa geessisaa akka jiru ibsameera.

Fulbaana 23, 2019
Finfinnee

@tikvahethafaanoromoo


Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Humnoonni Nageenyaa Tigraay gara walakkaa magaalaa Maqalee, Addabaabayii Romaanaatotti galuun isaanii mirkanaa'eera.

​Kutaa magaalattiis guutumaan guutuutti to'annoo isaanii jala ooluun isaanii ibsameera.

"Garee Tajaajila Nageenyaa fi Jijjiirama Tigraay" kan ta'an, dura taa'aan Paartii Qaancii Haaqii Obbo Dagaafii Gudifaayi, "Tumsi Raayyaa Ittisaa fi Humna Nageenyaa Tigraay (TPF) bakkeewwan hedduu to'ateera" jechuun Tikvaah Itoophiyaaf dubbataniiru.

​Raayyaan Ittisa Biyyaa magaalaa Raayyaa irraa kaasee hanga Maqaleetti, Saqoxaa irraa kaasee hanga Kooram fi Addishahutti, akkasumas gama Naannoo Afaariin aanaa Ab'aalaa irraa hanga Maqaleetti bakkeewwan jiran to'achuu isaanii ibsaniiru.

​"Naannoo Raayyaa Azaboo fi Wajaraatti milishoonni TPLF addaan citanii hafanii turan, isaanis har'a walitti qabamanii bahuu isaanii ragaan arganne ni agarsiisa," jechuun dabalanii ibsaniiru.

​Geggeessitoonni TPLF Maqalee gad-dhiisanii ba'uu isaaniitiin walqabatee, loltoonni gargar faca'anii turan meeshaa waraanaatiin magaalattii keessatti saamicha irratti bobba'anii akka turan eeraniiru.

​#TikvahAfaanOromoo
Fulbaana 23, 2019
Finfinnee

@tikvahethafaanoromoo




Suuraa:- Sirna irreeffannaa ayyaana irreechaa #Irreechaa2019

Photo Credit - OBN & Oromia Communication

#AyyaanaGaari ! #HappyIrreechaa !

@tikvahethafaanoromoo

Показано 12 последних публикаций.