c. Waa‟ee waan dubbifamee sanaa namoota waliin dubbachuu (mari‟achuu) Waa‟ee waan dubbifame tokko nama biraa wajjin dubbachuun yookaan ergaa barreeffama sana irraa arganne baafnee namaaf irra deebinee yoo ibsine yaadicha yeroo dheeraaf qabannee osoo hinirraanfatiin akka turru nugargaara. Akka Ogeeyyiin xiinsammuu jedhanitti sammuun namaa iddoo odeeffaannoo tursiisu akkaataa odeeffannoo ittitursiisu irratti hundaa‟uun kutaa lama qaba. Iddoo yeroo dheeraaf odeeffannoon yookaan wanti argine yookaan wanti dhageenye turuu danda‟u(Long term memory)fi iddoo odeeffannoon yeroo gabaabaaf turuu danda‟u(Long term memory) jedhamu. Odeeffannoon nuti akka salphaatti ilaallus ta‟ee inilaalle akka gara narvii dhageettii keenyaan keessummeeffamaniin gara „Short term memory deemu‟ yoo irra deddeebiin gabbifanne gara kutaa itti odeeffannoon yeroo dheeraaf kuufamuu dhaqu. Maloota ittiin gabbifannu keessaa tokko mari‟achuu, qaaccessuu, namatti himuu, ittiin gorsuu, dinqisiifachuufi kan kana fakkaatanidha. Yoo kana intaane, odeeffannoon yeroof nuti kuufanne baduu nidanda‟u jechuudha. Kana malees yaada sana namoonni nuti wajjin dubbannu (mari‟annu) gadi fageenyaan beeku yoo ta‟e, yeroo dubbifnu yaada akka sirreeffannuuf nugargaara. Walumaa galatti dubbisaan booda namoota biroo waliin yaadicha irratti mari‟achuun yaada gadi fagoo ta‟e akka nuti isaan irraa argannu waan nugargaaruuf baay‟ee barbaachisaadha.
d. Gaaffilee hubannaan walqabatan deebisuu Waan dubbifame haala barbaachisaa ta‟een hubatamuuf dhiisuu mirkaneeffachuuf gaaffilee dubbisichaan walqabatu deebisuu. Gaaffileen haala kanaan akka deebi‟aniif gaafataman hubannoo dhuunfaa irratti kan hundaa‟an waan ta‟eef qopha qophaan kan deebi‟aniidha. Gaaffileen haala kanaan dhuunfaadhaan hojjetaman soba yookaan dhugaa jedhamuun kan deebifaman, gaaffilee kan deebiin sirrii ta‟e keessaa filtamee deebi‟u, gaaffilee deebii gabaabaafi dheeraa qaban, gaaffillee haala kanaan deebi‟an dubbisaan hundinuu deebisuu yaaluu qaba. Yoo deebiin dogoggoraa kennames gadi fageenyaan ibsamuun dhugoomfamuu qabu. As keessatti deebii dubbistoonni kennan dandeettii afaanii (haala gaariin ibsuu danda‟uu) isaanii qofa osoo hinta‟in fooyya‟ina agarsiisaa deemuu isaanii (gadi fageenyaan yaaduun waan yaadan sana immoo seeraan ibsuu danda‟uu isaanii)fi hubannoo dubbisa irraa argachuuf gahumsa horachuu isaanii kan keessatti ilaalaa deeman ta‟a.
Dubbisuu keessatti rakkoolee hedduutu nama mudata. Rakkooleen mul‟achuu dandaa‟an kunis namaa gara namaatti adda adda ta‟uu danda‟a. Rakkooleen mudatan kunis yeroo yerootti sirrachaa inadeeman taanaan guyyuun guddachaa deemuun sadarkaa isaa guddifatee biyya irrattiyyuu dhiibbaa geessisaa deema. Rakkooleen dandeettii dubbisuu namootarra dhiibbaa geessisaa deemu jedhamanis kanneen akka waan dubbisanitti hiika sirrii kennuu dadhabuu, sirriitti dubbifamuu dhabuu barreeffamichaa, saffisa dubbisuu dhabuu, odeeffannoo waldhawaa facaasuufi kanneen kana fakkaataniidha.
👇👇👇👇👇♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️👇👇👇👇
Join ,Share and comment
https://t.me/+XOZnszN6CUphYzc0