DHUGAA.
Namicha qoraan baddaadhaa cabsaa gurguru tokkotuu Jira.
Guyyaa tokko osoo inni qoraan cabsaa jiru. gurbaan tokko diinota isaa Jalaa dheessaa fiiigaa isatti dhufe. Maaloo qoraan walitti qabde kana jalatti na dhoksi. Diinonni kiyya duuba kiyyaan na hordofanii dhufaa jiru jedheen. Tole rakkoo hinqabuu Jala seeniitii dhokadhu jedheen. gurbaanis qoraan kana Jalatti ni dhokate.
Erga inni dhokateen booda diinonni gurbaa duubaan ari'aa jiran suni. dhufanii namicha qoraan cabsu kanaan gurbaa bifiti isaa akkanaa. uffanni isaa kan akkasii. karaa kana darbee Jira argitee jirtaa jedhanii gaafatan. namichis. eeyyen argee jira. qoraan kana keessatti isa dhokse. Achi keessa barbaadaa ni argitan jedheen. Gurbaan dhokatee jiru Kuni waan namichi diinota isaa kanaan jedhu ni dhagaha. baayyee rifate. Baay'ee sodaates. Sana booda diinonni kuni waliin haasahanii. namichi Abbaan qoraanii kuni nu sobaa Jira. Gurbaan qoraan kana jala hinjiru. Yaanni isaa hanga nuti qoraan akkanatti heddummaatu kana jala isa barbaannutti. Gurbaan nujalaa dheessee akka fagaatuufi jedhanii qoraan kana Jala gurbaa barbaaduu dhiisanii. karuma dura irra fiigaa turan irra gurbaa barbaaduuf fiigicha isaanii itti fufan.
Yeroo diinonni achi fagaatan. Guraban qoraan san jalaa miira sodaatiin olbahee. namicha abbaa qoraanii isa dhokse sanaan. akkamitti ofuma keetii na dhoksitee akka ani as jala jiru itti himta. Fayyaa hin qabduu. Maaliif akkanatti garaa jabaatta. Xiqqumallee hin yaadduu jedhee miira aariitiin dubbate. Namichi Abbaan qoraanii Kunis tasgabbiidhaan yaa mucaa kiyya na dhagahi jedheen.
Sobni yoomuu nama hin baasu. Dhugaa Osoo ani hardha sobee jarri kuni qoraan kana Jala si barbaadanii si arganii si ajjeesan ture jedheen. Amma karaa nagaa deemi. yoomuu dhugaa malee hin dubbatin. Dhugaan rakkoo hunda jalaa nagaa si baasa. Namoonni hedduun sobni waan rakkoo jalaa nama baasu isaanitti fakkaata. Garuu akkasii miti dhugaan jalqaba irratti ni hadhoofti dhumti ishii garuu mi'ooftuu akka dammaati. Rakkoo feete keessa yoo jiraatteyyuu dhugaa dubbadhu jedheen. Seenaa kanarraa gorsa bareedaa argattan jedhee yaada.