🔍 Kiristaanummaan yeroo baay’ee jireenya cubbuu hin qabne yookiis jireenya cubbuu irraa of qabuu nutti fakkaata. Kiristaanummaan jireenya yeroo hundaa gara Yesus Kiristoositti guddatuudha.
Cubbuu dhiisuu qofti kiristaana nama hin godhu, garuu erga dhiisneetii gara dhugaa Yesus Kiristoositti guddachuu qabna. Jireenya kiristaanummaa kan ittiin ibsuu dandeenyu.
🗣️ Gal. 2:20 Jireenyi
kiristaanummaa, jireenya anaa fi ati jiraannu utuu hin taane, jireenya Yesus Kiristoos nu keessaan jiraatudha. Jireenya keenya keessatti kan argamu Yesus ta’uu qaba malee kan biraa miti. Jireenyi kiristaanumaa kan Yesus kiristoos itti nu waame, jireenya haalaa fi yeroon hin dangoofne, lolli jiraatus, jireenya mo’ichaa, bu’aa ba’iin jiraatus jireenya gammachuu fi akkasumas jireenya guddummaan Waaqayyo keessati mul’atudha. Kiristaanummaan jireenya nun itti cubbuu irraa of qabuuf yeroo keenya yaadaa fi lolaan balleessaa oollu osoo hin taane, jireenya gara Yesus Kiristoosiin fakkaachuutti guddannudha.
🗣️ 1Qor 11:1 - Har’a, kiristaanummaan, Waldaa dhaquudhaan kan daanga’uu fi tajaajilaan kan murteeffamu ta’ee mul’ata. Garuu kiristaanummaan jireenya dhuunfaa, kan namni tokkoo fi Waaqayyo itti wal beekanidha. Kana jechuunis, kiristaanni tokko kiristaana ofiin jechuu kan danda’u hariiroo inni qofaa isaatti Waaqayyoo wajjiin qabuunidha. Kun immoo waldaa dhaquu qofaan yookaan immoo tajaajilaan kan argamu miti. Kiristaanummaan Hariiroo amanaan tokko qofaa isaatti Waaqayyoo wajjiin qabaatee jiraatudha.
🗣️ Mul. 3:20 Kiristaanummaan jireenya Hafuura Qulqulluun , gara fakkaattii Yesus Kiristoositti guddachuuti. Gara isa Kara isa waan hundumtuu guutuu ta'etii ha guddanuu
🌐 Christian Living