DHIQANNAA DHAQNA FOONII MOO DHAGNA CUBBUU?
••••
“Hisoophiidhaan cubbuuttii na qulleessi, anis nan qullaa'a; na dhiqi cabbii irras nan addaadha!”
— Far. 51:7
Dhiqannaan dhaqna foonii xurii qaama keenya isa foonii kana irra jiru nuuf qulleessa. Dhugaadha dhiqannaan kun fayyummaa keenya isa fooniif baayyee nu fayyada. Jarmoota ijaan hin mul'anne kanneen akka baakteeriyaa fi Vaayireesii irraa biliisa nu taasisa. Dhiqannaan hafuuraa garuu hafuuraan dhibee cubbuu keenyaa isa hamaa, isa du'a bara baraa nutti farade sana jalaa dhiqannee biliisa ba'uudha. Fayinni nuti dhiifama cubbuun argannu dhibee foonii irraa illee biliisa nu taasisa.
..
Rakkoon keenya har'a addunyaa miilla tokkoon dhaabe kun dhibee fooniitii? Matumaa dhibee foonii miti! Fuulaan gaafa ilaallu dhibee fooniiti! Garuu kan nu dhibe dhibee foonii utuu hin taane dhibee cubbuuti. Hundeen dhibee cubbuu sababa dhibee foonii ta'uu dandaa'a. Vaayireesiin har'a qilleensa faale kunis hundeen isaa hundee cubbuuti. Cubbuun dhaloota kanaa yoo dhiifameef dhibeen kun hundeen bushaa'uu mala.
Jarmii foon hube qofaa ilaalaa jira malee dhalootatu, jarmii hamaan hafuura keenya hubee jira. Baakteriyaa fi vaayireesii hamaan har'a dhaloota galafaataa jiru jalqabatti sababa du'a lubbuu, lammaaffaatti sababa du'a foonii hordofiisaa jira. Hin gowwoominaa, balaa addunyaan har'a keessa jirtu irraa hafuu kan dandeenyu dhaqna hafuuraa keenya dhiqachuun malee dhaqna keenya isa foonii kana miti.
..
Waan jidduu kana dhagaa'aa jirru immoo dhugaa dubbachuuf bilchina hafuuraa keenya kan baayyee gaaffii keessa galchuu fi Wangeela hin dhageenye nu jechisiisa! Raajiitu dhaqna keessan dhiqadhaa Koronaan isin hin qabatuu jedhe jedhanii namoonni baayyeen eda halkan dhaqna dhiqataa bulan jedhama. Raajiin maqaa dhaa'ame immoo ani hin jenne jechaa jira. Inni haa jedhus, haa dhiisus! Mee adaraa firoota koo hammuma kana bilchinni nuti Kristoos keessaatti qabnu? Amma akka kanatti garamitti deemaa jirra? Dhuguma dhaqna foonii keenya dhiqannee Koroonaa irraa biliisa baanaa? Amantii keenya ulaa hin taanetti sharafuu mitii kun? Inni Waaqayyo dhaloota kanaan dhiqadhaa jechaa jiru isa kanaa?
..
Maacaafa Kakuu Moofaa keessatti ajaja Waaqayyo irraa fudhataniin namoonni malkaatti dhiqatanii lamxii isaanii irraa qul'aan jiru. Kan isaanii lamxii foonii ture, keenya garuu lamxii cubbuutiim firoota koo!
Kakuu Haaraatti dhufnee gaafa ilaallu immoo namoota lamxaa'an, akkasuma dhukkubsatoota baayyee yeroo faayise Yesuus "cubbuun kee siif dhiifameeraa nagaan dhaqi", "amantiin kee si fayiseera" jechaa ture. Dhiifama cubbuu fi amantii isaanii keessaan fayina lubbuu fi foonii fayyaa turan. Egaa har'a cubbuu irraa fuula Waaqayyoo duratti deebinee dhiqachuu qabna malee, dhiqannaa foon keenyaa kanaan akka of goowomsinu Waaqayyo hin fedhu. Hafuuraan yoo dhiqanne qofaa dhibee foonii fi cubbuuttii biliisa baana.
“Kamtu salphaa dha? Cubbuun kee siif dhiifameera jechuu moo yookiis ka'iitii adeemi jechuu?”
— Mat. 9:5
Dhaloonni har'aa ka'ii adeemii qofa eega malee, cubbuun kee siif dhiifameeraa hin barbaadu. Kana jechuun dhibee foonii irraa fayyuuf gugsaa jira malee dhibee cubbuuttii hikamuuf garaa hin laatu. Kun ammoo isa salphaa dura fayyadamuu dhiifnee isa jabaatti ija babaasuudha. Garuu dhiifama cubbuu hanqannee fayina foonii eeguun foon lafa jiru allaattii muka irraa wal loltu nu godha.
Tarii cubbuun keenya tokkicha nuuf dhiifameera, kun waa'ee dhiifama cubbuu maal odeessa jechuu malta? Dhugaadha dhagna keenya hafuuraa kana tokko dhiqannee cubbuu irraa fayinee jirra! Lamaffaa dhiqachuu nun barbaachisu, egaa warri tokko dhiqanne dhagna utuu hin taane yeroo mara miilla keenya dhiqachuu qabna. Miilla keenyatu xuriidha! Kana jechuun deddeebinee guyyuma guyyaatti cubbuu dhagna keenya xureessaa olaaniif Waaqayyoon duratti dhiifamaaf dhiyaachuu qabna. Hafuuraan dhagna lubbuu keenyaa cubbuuttii haa dhiqannu, qaama keenya foonii kana immoo dhibee foon keenya miidhu eeggachuuf haa dhiqannu!
🌐 Christian Living