Seeroota Kubbaa Miilaa Yeroo Ijoollummaa! 😂
1. Mucaan inni furdaan yeroo mara goolii eegaadha. Yoo mucaa furdaan hin jirre namni miili isaa dhukkubsatu kan oliif gadi fiigee taphachuu hin dandeenyes gooli eegaa ta’a.
2. Eenyu akka taphatuuf bakka inni taphatu kan murteessu abbaa kubbaati.
3. Taphataan hin filatamin yeroo itti aanu taphachuudhaaf kubbaa dhiitamtee ala baatu funaanee taphattootaaf dirreetti deebisa.
4. Abbaan kubbaa dallane taanaan taphichi ni dhaabbata ykn ni xumurama😂
5. Yoo akka tasaa osoo taphattuu miilakee dhagaan dhahee akka dhiigu agarte, akka gargaarsa jalqabaatti wanti ati gootu daddaftee bakka dhiigu sanatti biyyee naquudha.
6. Yoo abbaa kubbaa bira geessu kubbaa miliqsuun yookiin Loocee Baasuun hin danda'amu Akkas goote taanaan taphichi ni dhaabbata ykn ni xumurama 😂
7. Abbaan seeraa hin jiru Ofiif wal amanuudha
Ykn abbaama kubbaatu seeras eega. Taphaan ala (offside) wanti jedhu hin jiru🚶♂️
8. Adabbiin kan kennamu taphataan kufee dhukkeen haalaan yoo ka'e qofa.
9. Eenyullee waan abbaan kubbaa raawwatu irratti yaada kennuu hin danda'u.
10. Namni tapha hin dandeenye xumurarra filatama!
11. Taphataa cimaan yeroo mara garee abbaa kubbaa keessatti filatama😂
12. Garee faallaa adda baasuuf gareen tokko dirqama qullaa taphata 😂
13. Yeroo rukuttaa adabbii (Penality) gooli eegaan abbaa fedhetti jijjiirrama😂
14. Taphi kan xumuramu yoo dukkanaa'e qofa. kana jechuun hanga kubbaan argamtutti taphi itti fufa.
15. Taphi erga xumuramee booda gareetti wal qoodanii waldhiitaa /waltumaa galu🥹
16. Obbaleewwan lama garee tokko keessa taphachuunilleen dhoorkaadha.
17, Abbaa kubbaa yoo akka carraa maatiin isa barbaadan kubbaa isaa fudhatee sokka. Taphnis ni dhaabbata.
Kan hafe itti guutaa!
Kan hafe isin itti dabalaa!
#share gochuu hin dagatina
Share😂
Kottaa Kolfaa 🤣
Share😂
Kottaa Kolfaa 🤣