🖥 Ati Gooftaa Kooti!
🗣️ “Ati gooftaa koo ti, ati anaaf wanta gaarii hundumaa dha.''
— Faarfannaa. 16:2
Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos duuka buutota isaa waliin gara gandoota Filiphoos Qeesariyaa jedhaman erga dhaqee booda "namoonni anaan eenyu jedhu?" jedhee duuka buutota isaa gaafate. Isaan immoo: "Yohaannis cuuphaa, kaan Eliyaas, kaan immoo raajota keessaa tokko" jedhaniin." ( Mar. 8:28) Gaaffiin kun kanumaan hin xumuramne. Yesus ammas: "Isin hoo eenyu anaan jettu?" jedhee isaan gaafate.
Seenaa kana yeroof asitti yoo kaa’u, Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos gaaffii wal fakkaatu duuka buutota isaa gaafate kana yoo nu gaafate, deebiin keenya maal ta’a laata? Waa’ee Yesus hubannoo ifa hin taane yookiin ifa ta’e qabnaa? Dhageettii qofaan isa duukaa buunee jirra moo dhugumaan beeknee hubanneeti?
Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos baay'ee keenyaaf furtuu keenya. Inni fayyisaa keenya kan fedhiidhaan du’a keenya fudhatee jireenya bara baraa nuuf kennedha. Inni Angafa Lubaa keenya kan Abbaatti nu araarsudha. Inni furii keenya, inni gatii keenya hundumaa fannoo irratti kaffale. Gaafa dadhabnu humna kan nuuf kennu. Bareedina keenya. Asxaa keenyadha. Inni deebi'ee dhufee gara ofiitti kan nu fudhatuudha.
Daawit Waaqayyoon akkas jedhee waama. "Ati gooftaa koo ti, ati anaaf wanta gaarii hundumaa dha" (Far 16:2) Inni ulaagaa gaarummaati. Kanaaf Waaqayyo kana garaa keenya keessaa akka barbaaddannu isin jajjabeessa. Yeroo nu barbaachisu hundumaatti nutti dhihoo ta'uun isaa hamilee nuuf kenna. Akkasumas Waaqayyoon wiirtuu jireenya keenyaa gochuudhaan, "Ati Gooftaa kooti; "Ati anaaf waan hundumaa kooti" haa jennu.
🗣️ Kadhannaa: Yaa Waaqayyo gaarummaa kee waan natti agarsiifteef sin galateeffadha. Ija koo bani! Gaarummaa kee kanan ani si beeku caalaa si beekuu waanan barbaaduuf. Ameen 🙏
💬 Buddeena jireenyaa ~ #BJ
"Daily Spiritual Feeding"
📱 @Getu_Official