Репост из: Getu ✉️ Official
❌ Summii of keessatti qabattee hin taa'in!
Gaaf-tokko barsiisaa tokkotu bishaan burcuqqoo tokko qabatee daree seenee, barattootan “bishaan kun hangam ulfaata jettanii yaaddu?” jedhee gaafate.
Baratoonnis 300gm kaan immoo 400gm jechuun deebisanif. Barsiisaanis harka isaa diriirsee bishaanicha barruu isaa irratti qabee ”Utuun akkasitti sa’aatii tokkoof qabee turee maalan ta’aa?" jedhee gaafate. Baratoonnis “Harki kee si dhukkubuu eegala" jedhan. Itti fufee "yoon guyyaa tokkoof qabee turehoo?’’ jedhee gaafate.
Baratoonnis “si hadooda" jedhan. Tole "yoon torbee tokko akkasitti qabee turehoo?" jedhee gaafate. Baratoonnis ‘’Si hadooduu keessa bahee sirraa citee bu’a; dhiphinni isaas guddaadha’’ jedhan. Barsiisanis maal bishaan kun 400gm hin caalu akkamitti kana hundumaa narraan gaha?" jedhee gaafate.
Barattuun tokko harka baastee “Ilaal Barsiisaa, dhukkubichii fi dhiphinichi guddaan kun kan sitti dhufe sababa ulfaatina bishaanichaa utuu hin taane, bishaan salphaa sana yeroo dheeraadhaaf qabattee turuu keeti" jetteen jedhama.
Ergaa ✉️
✍️ Argitanii namoonni tokko tokko waan xinnoo qabatanii jaarraa lakkaa’uu, dhiifama namaaf gochuu waan dadhabaaniif jibbii laphee isaanii baay'ee miidhee jira. Waan dhiifama gochuu hin feenefis gatii baasaa jiraatu. Safuu!
Eebbikee kan gadi siif dhiifamu, nagaan kee guutuu kan ta’uu, waaqa biraa illee dhiifama kan ati argattu yoo namaaf dhiifama gootedha. Luqaas Boqonna 6 hin dubbisnee Ati? yookiin immoo yeroo kadhannaan xumuramu “Yaa Abbaa keenya “mee jedhimee gidduutti maal jedha “yakka keenya nuuf dhiisi, nus warra nu yakkaniif akkuma dhiifnu" jedha mitii? Maarree dhiisii siif dhiifama. Waaqayyoo wajjin nagaatti jiraachuu ni barbaaddaa? Kakuun siif kakatame akka siif raawwatu ni barbaadda? Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu ni barbaaddaa? Kana hundumaa kan dursu dhiifamadha, dhiifamni jaalala keessa jiraata. Ijaa bahuun dhorkaadha dhiisi, ijaa bahumsi ijaa bahumsa caaluu dhiifama gochuudha. ✅
Yesuus fannoorratti dhiphataa utuu jiruu, utuu isaan itti qoosanii, utuu isaan isa madeessanii, utuu isaan isa ajjeesaa jiranii “Yaa Abbaa waan godhan hin beekanii isaaniif dhiisii, dhiifama godhiif!" jedhee kadhate. Si irra garuu wanti hammaatan akkasii hin geenyee, Please dhiifama godhi! Kanaa achii bara kee gatii baasaa jiraattaa.💔
Yaa Lubbuu Gooftaa hin amanin jirtuu kottuu Waaqayyo dhiifama siif godha, Waaqayyotti araarami, qalbii diddirradhu, har'uma araara argatta. Tolee? Yoo gaaffii qabaattan gaaffi keessan barreessaa deebii gahaa ta'e ni Argattu.…
Galatoomaa!
@Getu_Official ✅