Hunda Ulfina Waaqayyoof!
Репост из: God's Word Presence! [GWP-MEDIA]📺
🔺Waaqayyoon Gammachisuun Amantiidhaani!!
💡Ibroota 11:6
“Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda'amu. Eenyu illee Waaqayyootti dhi'aachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira.”
🔺Amantiin Keenya Immo Ija Godhatee Fuula Waaqayyootti Mul'achuu Qaba.
💡 Galaatiyaa 5:22-23
²² Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,
²³ garraamummaa dha, of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru.
💡Yaaqoob 2:14
“Yaa obboloota ko! Namni tokko, "Ani amantii qaba" jedhee, hojii gaarii [isa ittiin amantii qabaachuu isaa argisiisu immoo] hin qabu yoo ta'e, maaliif waa'ee baasaaf ree? Amantiin inni jedhu sun isa fayyisuu danda'aa ree ?”
😊 Guyyoota fi Baroota Nuuf Kennaman Gammachuutti, Boqonnaatti fi Nagaatti Dabarsuuf, Dursinee Jireenya Keenyaan Waaqayyoon Gammachiisuuf Bakka Kennuutu nurraa Eeggama.
😊 Waaqayyo Isin Haa Eebbisu! Oolmaa Gaarii Waaqayyo Itti Gammadu Qabaadha! Isinin Jaalladha 🥰
📝Roobeeraa
LIKE | JOIN | SHARE
📣GWP MEDIA