Ajjeechaan amma Lammiilee irratti taasifamaa jiruufi kan duraan Alagaan taasifamaa ture garaa garummaa!
Ajjeechaan lammiilee irratti taasifamu kan dur seenaan dhageennee, gariif siidaa ijaaruun gariif ammoo yaadannoo garaa garaa taasisna. Aanolee fi Calanqoo jechuun dhalooti barata. Dhalooti kana dhaga’aa guddates gochi kun akka irra deebiin hin uumamneef jecha qabsoo bifa garaa garaan geggeessa. Kaayyoon qabsochaas kanuma hanbisuun ummata kanaaf akkasumas dhaloota boru dhaaluuf ardii mijattuu dhiisee deemuudha. Abbaan ijoollee isaaf maqaafi dhaala dhiisee adeema. Ijoolleenis abbaa isaaniin ni boonu ani ilma ebeluuti jedhu. Sabni oromoo seenaa abbootii isaa kaasuun, sirna gadaa faarsuun jaalalaafi badhaadhina Abbootii duraaniin haga harraa boona.
Gooti goota ka jedhames kaayyooma kanaaf. Nama ofiif jiraatee qabeenya dhuunfaa horatee lubbuun darbe kan yaadatu bicuudha. Ykn ganda isaa, ykn namoottan lakkoofsaan xiqqootu seenaa namootta kanniinii yaadata. Nama kaayyoo kanaaf galaafatame ammoo, sirbaan, siidaan akkasumas sagantaalee garaa garaan bara dhufaa darba yaadannoon taasifamaaf.
Ajjeechaan tures jirus, seenaadha! Kanaan dura kan nuti duune, kan nuti ajjefamne, kan gooti ittiin gootome , roorroo “alagaati” jennaan xiiqiin ummati ofirraa mormee ammas akka hin deebineef mormaa jira. Dhalooti nutti aanoo eenyutu eenyu ajjeese jennee barsiisna? Sanuu ragaawwan qabatamaa suur sagaleen waggaa dhibba harraa yeroo seenaa kana ilaalu dhalooti, abbootii keenya duraanii jedhee nuun dhaadatamoo nuun saalfata? Garaagarummaa guddaan gidduu seenaa duriif ammaa jiruu kana. Warri nu duraa diddaa alagaati jennaan xiiqiin morme, Oromootu Oromoo ajjeese jennee dhaloota barsiisnamoo? Sababa kam faa tarreessina laata? Seenaan seenaa kana maal jedhee kataba? Eenyutu abbaa seenaa kanaa ta’a? Gooti eenyu? Alagaan eenyu? Diddaanoo?
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡