Obbo Geetachoo Raddaan dhimma hijaabaa irratti hawaasa mariisisan
Magaalaa Akksumitti manneen barnootaa barattoota muslimaa shammarran ta'an 159 sababa hijaabaatiin barnoota irraa ittisuu hordofee guyyaa har'aa hiriirri adeemsifame booda Obbo Geetaachoo Raddaa yaada kennaniin “Dhimmi hijaabaa gonkumaa ajandaa ta'uu hin qabu ture. Kun ta'e jedhamee kan godhamedha, Saffisaan furmaata akka argatu ni goona" jedhan.
Barattoonni kunniin sababa hijaabaatiin galmeen qormaata biyyaaleessaa 12ffaa jala darbuu fi gara barnootattii deebi'uu dhabuu isaanii hordofee naannichatti hiriirri mormii dhaadhannoo “Hijaaba ishees ni uffatti, barnoota ishees ni baratti" jedhuun Maqaleetti adeemsifamee akka ture gabaasuun keenya ni yaadatama.
Hiriira nagaa kana booda namoonni hawaasa keessaa filataman baay’innaan 20 ta'an bakka bu'ummaadhaan Perezdaantii yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa wliin mari’atanii jiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡