🩺 Durbummaa Uumamaan Dubartoota hundatu qabaa? Erga badeehoo deebi'uu ni danda'aa? Nama malee bineensonni ni qabuu? Dubbisaa!
Durbummaan waan baay’ee haphii taatee fi ulaa qaama saalaa durbaa haguugdee jirtu, kan afaan ingiliffaan hymen (thin film of membrane) jedhamtuudha. Faayidaa beekamee kana jedhamu hin qabdu. ‘Hymen’ yookiin durbummaan kun haphii waan taateef yeroo baay’ee qunnamtii saalaa jalqabaa irratti tarsaati.
Hymen ykn durbummaan kun kan durba hundaa walfakkaataa miti, gosaan addaa adda dha. Akka salphaatti garee kana jalatti addaa addummaa isaanii laaluu dandeenya, isaanis:
1. Haphii fi qaawwa kan qabu (septate, cribiform, microperforate): kun gosa durbummaa ykn hymen qaawwa xixiqqoo tokko (microperforate) ykn isaa ol (cribiform and septate) qabuudha. Gosti kun dubartootni hedduun kan qaban ta’ee qunnamtii saalaa jalabaa irratti ni tarsa’a, dhiigni xiqqoonis qaama saalaa keessaa dhangala’a.
2. Cufataa yookiin qaawwa kan hin qabne (imperforate hymen): kun tarsa’uudhaaf rakkisaa fi yoo tarsa’e ammoo akka malee dhiiguu danda’a. Yeroo tokko tokko gosti kun, tajaajila baqaqsanii hodhuutiin malee haala biraan hin tarsa’u. Kun dubartoota dhibbeentaa 0.1 (0.1%) irratti kan argamudha.
3. Yeroo tokko tokko ammoo uumamaan dubartootni durbummaa hin qabnes jiru. Kun garuu lakkofsaan hedduu, hedduu xiqqoodha. Qorattoonni hundi yoo dhalatan durbummaa ni qabu jedhanis ni jiru.
Dabalataan durbummaan miidhaa adda addaatiin tarsa’uu yookiin baduu ni danda’a
Fakkeenyaaf:-
-Ispoortii ciccimoo akka atileetiksii, isplintii, utaalchoo, fardaan gulufuu.
-Gobaa ykn muka irratti kufuu
-Qorannoo fayyaa eyyama isaaniitiin qaama saalaa dubartootaa irratti taasifamuun fi kan kana fakkaatan!
Durbummaan takkaa badnaan ykn tarsaanaan deebi’ee hin fayyu ykn hin margu!!! Garuu tajaajila baqaqsanii hodhuu (hymenorrhaphy) jedhamuun suphuun ni danda’ama.
Durbummaa kan qabu dhala namaa qofa osoo hin taane, beeyladoonni fi bineensonni akka: Fardaa, Arba, Saree, Adurree, harre diidoo, chimpaanzii fi kanneen biroo hedduun ni qabu.
@Dhimma_Fayyaa 🩺